+ -

عن بعض أزواج النبي صلى الله عليه وسلم عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«مَنْ أَتَى عَرَّافًا فَسَأَلَهُ عَنْ شَيْءٍ لَمْ تُقْبَلْ لَهُ صَلَاةٌ أَرْبَعِينَ لَيْلَةً».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2230]
المزيــد ...

gariin haadha manaa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nabiyyii irraa akka odeessanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni waa himaa bira dhufee waan tokko irraa isa gaafate, salaanni halkan afurtamaa isaaf hin qeebalamu».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2230]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waa himtuu bira deemuu irraa sodaachisani -inni maqaa wolii galaa raagduu, nama urjii ilaaluun waa himuu, nama cirracha irratti hundaa'uun raaguu fi kanneen jara fakkaatan biroo, worreen beekumsa fagoo beekuu isaaniitiif haal duree hojjataniin ragaa taasifatanuuti- waan tokko waan beekumsa fagoo irraa ta'e tokko gaafachuudhuma qofaan Rabbiin mindaa salaata isaa guyyaa afurtamaaf isa dhoorgata; badii fi dilii guddaa kana irratti isa adabuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. raaguu, nama raagu bira deemuu fi waan beekumsa fagoo irraa isaan gaafachuun haraama ta'uu isaa.
  2. ilmi namaa mindaa Rabbiin buluu isaa adabbii badii isaatiif jecha dhorgatamuutu mala.
  3. urjiiwwan laakkaa'uu fi isii ilaaluu kan jedhamus hadiisicha keessa seena, akkasuma ganaa fi siinii dubbisuunis -maalummaa isaa baruufillee yoo ta'e-; sun hundi raagaa fi beekumsa fagoo himachuu irraa waan ta'eef jecha.
  4. adabbiin nama waa himtuu bira deemuu kana yoo ta'e, mindaan waa himtuu sanii immoo akkam haa ta'u?
  5. salaanni guyyaa afurtamaa dirqamummaa buusuuf ni geessi qadaa isii baasuun dirqama hin ta'u, garuu immoo mindaa hin qabdu.