+ -

عن عمران بن حصين رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«‌لَيْسَ ‌مِنَّا ‌مَنْ ‌تَطَيَّرَ أَوْ تُطُيِّرَ لَهُ، أَوْ تَكَهَّنَ أَوْ تُكُهِّنَ لَهُ، أَوْ سَحَرَ أَوْ سُحِرَ لَهُ، وَمَنْ عَقَدَ عُقْدَةً، وَمَنْ أَتَى كَاهِنًا فَصَدَّقَهُ بِمَا يَقُولُ فَقَدْ كَفَرَ بِمَا أُنْزِلَ عَلَى مُحَمَّدٍ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ».

[حسن] - [رواه البزار] - [مسند البزار: 3578]
المزيــد ...

Imraan ibnu Husayn irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«‌Namni milkii ilaallate yookaan ilaalchifate, yookaan raage yookaan raagameef, yookaan falfale yookaan falfalameef nurraayyii miti namni hirzii hidhe, akkasuma namni raagaa bira dhaqee waan inni jedhu isa dhugeesse dhugaatti waan Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irratti bu'etti kafareera».

[hasani] - [bazzaar odeesse] - [musnada bazzaar - 3578]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaa irraa nama hojii garii hojjate: "nurraayyi miti" jechuun itti sodaachisani.
Inni jalqabaa: "nama milkii ilaallate yookaan nama milkiin ilaalameef" bu'uurri isaa imalas ta'u yookaan daldalas ta'u yookaan kan biroos ta'u hojii wohii yeroo eegaluu jedhanitti allaattii gadhiisuudha, karaa mirgaa yoo barrise abdii godhatee waan barbaadu san itti fufa, yoo karaa bitaa barrise immoo milkiin hin jiru jedhee abdii muratee waan barbaadu sana dhiisa, gocha akkasii kana ofiif hojjachuun hin ta'u yookaan nama isaaf hojjatus godhachuun hin ta'u, akkasuma allaattiwwaniin yookaan bineensotaan yookaan qaama miidhamtootaan yookaan lakkoofsaan yookaan guyyaadhaan yookaan waan biraatiin waanuma ta'e haa ta'u kan dhaga'amus ta'ee yookaan kan argamus ta'ee ittiin abdii murachuun hin ta'u.
inni lammaffaan: "nama raage yookaan raagameefi" urjiiwwanii fi kanneen biroo fayyadamuun namni beekumsa fagoon beeka jedhee himate, yookaan raagaa fi kan isa fakkatan gara nama beekumsa waan fagoo himatutti dhufee, beekumsa fagoo himachu isaatiif waan inni jedhu isa dhugeesse, dhugaatti waan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irratti bu'etti kafare.
sadaffaan: "nama falfala hojjate yookaan falfalli hojjatameefi" inni nama ofii isaatiif falfala hojjatate, yookaan nama falfala isaaf hoojjatu kan godhatedha; nama wohii ittiin fayyaduuf yookaan isa miidhuuf jecha, yookaan maganfannaa haraama ta'e irratti qara'uu fi isa keessatti tuttufuun haadaa fi falfala irraa hirzii hidhe.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbi irratti hirkachuu fi murtoo isaatti amanuun dirqama ta'uu isaa, akkasuma milkii ilaallachuu, abdii murannaa, falfallii fi raagni, yookaan namoota waan kana hojjatan sana gaafchuun haraama ta'uu isaa.
  2. beekumsa waan fagoo himachuun shirkii tawhiida falleessu irraati.
  3. raagaa dhugeessuu fi isa bira deemuun haraama ta'uu isaa, ganaa qara'uu, siinii qara'uu fi urjiiwwan ilaaluunis waan isaa baruuf jecha yoo ta'ellee sanuma irraa lakkaawama.