عن عائشة رضي الله عنها قالت:
سَأَلَ أُنَاسٌ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَنِ الْكُهَّانِ، فَقَالَ لَهُمْ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لَيْسُوا بِشَيْءٍ» قَالُوا: يَا رَسُولَ اللهِ، فَإِنَّهُمْ يُحَدِّثُونَ أَحْيَانًا بِالشَّيْءِ يَكُونُ حَقًّا، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «تِلْكَ الْكَلِمَةُ مِنَ الْحَقِّ يَخْطَفُهَا الْجِنِّيُّ فَيَقُرُّهَا فِي أُذُنِ وَلِيِّهِ قَرَّ الدَّجَاجَةِ، فَيَخْلِطُونَ فِيهَا أَكْثَرَ مِنْ مِائَةِ كَذْبَةٍ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6213]
المزيــد ...
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette:
Namoonni wohii raagdota irraa ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafatani, Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas isaaniin jedhani: «Isaan homaa miti» isaanis ni jedhani: yaa ergamaa Rabbii, isaan yeroo garii waa odeessanii jennaan haqa ta'a, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Isiin sun jecha tokko kan dhugaa irraa taate kan jinniin isii butuun gurra jaalallee isaa keessatti akka lukkuun iyyaansa isii deddeebistutti deddeebisa, kijiba dhibbaa ol isiitti maku».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6213]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- worra waan fagoo fuulduratti dhufu dubbatan irraa gaafatamanii, isaanitti hin dhimmaminaa, haasawa isaaniis hin fudhatinaa, dhimmi isaaniis isin hin yaachisin jedhani.
isaanis ni jedhani: jechi isaanii yeroo garii qabatama jiruun wol simata, akka wonti fagoo wohii baatii akkasii fi guyyaa akkasii keessatti ni argama jechuu duubbatanii jennaan, akka isaan dubbatanitti argama.
ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: jinniin oduu samii dhaga'an irraa butanii, gara jaalalloota isaanii raagdotaatti bu'uun waan dhaga'an isaanitti himu, eegasii raagaan sun isa dhaga'e kana irratti kijiba dhibba tokko dabalee odeessa.