عن أنس رضي الله عنه قال:
كُنَّا عِنْدَ عُمَرَ فَقَالَ: «نُهِينَا عَنِ التَّكَلُّفِ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 7293]
المزيــد ...

Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Umariin bira turre, akkas jedhe: «Of dirquu irraa dhoorgamnee jirra».

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 7293]

Ibsa

Umar -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergmaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haajaa tookkoon malee waan dadhabbii fi rakkinni keessa jiru hojjachuu irraa akka isaan dhoorgan hime, wanti sun jechas haa ta'uu hojiis.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Of dirquu irraa dhoorgame irraa: gaaffii heddummeessuu, yookaan waan beekumsa itti hin qabne irratti of dirquu, yookaan waan Rabbiin bal'ise keessatti ofitti jabeessuudha.
  2. Muslimaaf jechaa fi gocha keessatti laaffisuu of barsiisuutu barbaachisaadha, nyaata, dhugaatii, jechoota isaa fi haala isaa hunda keessatti.
  3. Isalaamni amantii laafaadha.
Hiikkaawwan dhiheessuu
Afaan: الإنجليزية الأوردية الإسبانية Dabalata (63)