عن حذيفة رضي الله عنه قال: سمعت النبي صلى الله عليه وسلم يقول:
«لَا يَدْخُلُ الْجَنَّةَ قَتَّاتٌ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6056]
المزيــد ...

Huzayfaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
"Namni wolitti nama naqu (diru) jannata hin seenu".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6056]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni gidduu namootaa balleessuuf jecha haasawa gidduu isaaniitti oliif gadi geessu inni adabamuu haqa godhata jannata seenuu dhabuudhaan jechuudha himan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namiimummaan (gidduu namootaa balleessuuf jecha haasawa oliif gadi hafarsuun) badiiwwan gurguddoo irraayi.
  2. Dhuunfaa fi gareewwan gidduutti balleessuu fi miidhuun waan isii keessa jiruuf namiimummaa irraa dhoorguudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (67)