+ -

عَنْ أَبِي الدَّرْدَاءِ رضي الله عنه أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَا شَيْءٌ أَثْقَلُ فِي مِيزَانِ الْمُؤْمِنِ يَوْمَ القِيَامَةِ مِنْ خُلُقٍ حَسَنٍ، وَإِنَّ اللَّهَ لَيُبْغِضُ الفَاحِشَ البَذِيءَ».

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي] - [سنن الترمذي: 2002]
المزيــد ...

Abuu Addardaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan:
"Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba".

- [tirmizii odeesse - abuu daawud odeesse - ahmad odeesse] - [sunana tarmizii - 2002]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu'uminaa keessatti hojiilee fi jechoota irraa wanni irra ulfaatu amala gaarii akka ta'e himan, sunis fuula namatti diriirsuu, nama miidhuu irraa of qabuu fi waan gaarii hojjechuudhaan. Rabbiin ol ta'e nama gochaa fi dubbii isaa keessatti fokkataa ta'e, kan waan arraba isaatiin dubbatu keessatti baalagee ta'e ni jibba.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa amalli gaariin qabuudha; sababni isaas inni Jaalala Rabbiiti fi jaalala gabroota Isaa abbaa isaa waam dhaalchisuuf jecha, inni guyyaa qiyaamaa keessatti irra guddaa waan madalamuuti.