+ -

عن عائشة رضي الله عنها عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«إِنَّ أَبْغَضَ الرِّجَالِ إِلَى اللهِ الْأَلَدُّ الْخَصِمُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2457]
المزيــد ...

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2457]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e namoota irraa nama falmii jabeessuu fi heddummeessu kan haqa jala butamuu hin qeeballe, falmii isaatiin haqa deebisuu kan yaalu, yookaan haquumaan kan falamu garuu falmii kessatti daangaa darbuun giddu galeessummaa keessaa of baasa, akkasumas beekumsaan maletti kan falamu akka jibbu himani.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni miidhame karaa iyyannoo shari'aatiin haqa isaa barbaaduun gosoota falmii jibbamaa keessa hin ssenuudha.
  2. Falmii fi wol mormiin balaa arrabaa tan adda faca'uu fi muslimoota gidduutti dugda wolitti galuuf sababbaa taatu keessa tokkoodha.
  3. Falmiin yoo haqa keessattti taatee fi karaa isii bareedaan yoo taate faarfamtuudha, haqa deebisuu fi badii raggaasisuuf yoo taate yookaan ragaan malee yoo taate immoo jibbamtuudha.