عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رضي الله عنه قَالَ:
سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: «قَالَ اللَّهُ تَبَارَكَ وَتَعَالَى: يَا ابْنَ آدَمَ إِنَّكَ مَا دَعَوْتَنِي وَرَجَوْتَنِي غَفَرْتُ لَكَ عَلَى مَا كَانَ فِيكَ وَلاَ أُبَالِي، يَا ابْنَ آدَمَ لَوْ بَلَغَتْ ذُنُوبُكَ عَنَانَ السَّمَاءِ ثُمَّ اسْتَغْفَرْتَنِي غَفَرْتُ لَكَ، وَلاَ أُبَالِي، يَا ابْنَ آدَمَ إِنَّكَ لَوْ أَتَيْتَنِي بِقُرَابِ الأَرْضِ خَطَايَا ثُمَّ لَقِيتَنِي لاَ تُشْرِكُ بِي شَيْئًا لأَتَيْتُكَ بِقُرَابِهَا مَغْفِرَةً».
[حسن] - [رواه الترمذي] - [سنن الترمذي: 3540]
المزيــد ...
Anas bin Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Rabbiin ol ta'e ni jedhe: yaa ilma Aadam hanga ati ana kadhattee ana kajeeltetti badii ati qabduu woliinan siif dhiisa homaas bakka itti hin kennu, yaa ilma Aadam badiin kee duumessa samiillee kan qaqqabu ta'ee eegasii araarama narra barbaaddee araaraman siif godha, homaas bakka itti hin kennu, yaa ilma Aadam ati badii dachii guutuu ka'een natti dhuftee eegasii woma tokkollee kan natti hin qindeessine taate na qunnamtee, badii dachii guutuu ka'eef araaraman siif godha».
[hasani] - [tirmizii odeesse] - [sunana tarmizii - 3540]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin hadiis al-qudsiyyii keessatti akka akkas jedhe nuuf himani: yaa ilma aadam hanga na kadhattee fi rahmata koo kajeeltee, isa irraa garaa murachuu dhabdetti, badii kee siif dhokseen siif haqa homaa isaaf bakka hin kennu; badiin kun yoo badii gurguddoo irraa ta'ellee. yaa ilma Aadam: badiin kee heddummina samii fi dachii guutu yoo heddummatellee, naannawaa isii fi guutuu isii haala guutuun, eegasii araarama na gaafattee; hunda isaa siif dhiiseen haqa homaa bakka isatti osoon hin kennin.
yaa ilma Aadam ati booda du'aatii badii dachii guutuun kan natti dhuftu taatee, osoo anatti woma tokkollee hin qindeessin duute taate; badiiwwanii fi diliiwwan kana araarama dachii guutuun deebisa; ani waanan abbaa araarama bal'aa ta'eef jecha, shirkii malee badii hundaa nan araarama.