عَنْ أَبِي طَلْحَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لاَ تَدْخُلُ المَلاَئِكَةُ بَيْتًا فِيهِ كَلْبٌ وَلاَ صُورَةٌ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3322]
المزيــد ...
Abuu xalhaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Mana saree fi suuraan keessa jiru malaa'ikaan hin seentu».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3322]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-malaa'ikaan rahmataa mana saree fi suuraan waan lubbuu qabuu keessa jiru akka hin seenne himani; sunis suuraan waan lubbuu qabuu: badii fokkataa waan ta'eefi, uumama Rabbiitti fakkeessuun waan isa keessa jiruufi, akkasuma sababaa gara shirkiitti qaqqabsiisu waan ta'eef jecha, gariin isii suuraa waan Rabbii gaditti gabbaramuuti. sababii mana sareen keessa jirtu malaa'ikaan hin senneef immoo: yeroo hedduu najaasaa waan nyaatuu fi gariin isii sheyxaana jedhamtee waan waamamtuuf jecha; malaa'ikaan immoo faallaa sheyxaanaati. akkasuma foliin saree badaa waan ta'eefi; malaa'ikaan immoo foolii badaa ni jibbiti, akkasuma mana keessatti saree godhachuun irraa dhoorgamaa waan ta'eefi; kanaaf namni mana keessatti isii guddifate malaa'ikaan rahmataa mana isaa seenuu, keessatti salaatuu, isaaf araarama kadhachuu, isaa fi mana isaa irratti barakaa buusuu fi akkasuma miidhaa sheyxaanaa isa irraa deebisuu dhabuudhaan adabame.