+ -

عن أبي الهيَّاج الأسدي قال:
قَالَ لِي ‌عَلِيُّ بْنُ أَبِي طَالِبٍ: أَلَا أَبْعَثُكَ عَلَى مَا بَعَثَنِي عَلَيْهِ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ؟ أَنْ لَا تَدَعَ تِمْثَالًا إِلَّا طَمَسْتَهُ، وَلَا قَبْرًا مُشْرِفًا إِلَّا سَوَّيْتَهُ.

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 969]
المزيــد ...

Abuu Al-hayyaaj Al-Asadii irraa akka odeeffametti ni jedhe:
Aliyyii ibnu Abii Xaalib akkas naan jedhe: waan ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin na ergeen si erguu? siidaa kamuu isa dhabamsiiftu malee akka isa hin dhiifne, qabrii ol ka'ee mul'atu kamuu wol qixxeessitu malee akka hin dhiifne.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 969]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaabota isaanii siidaa kamuu -inni suuraa waan lubbuu qabuu kan bifa qaamaatiin bocame yookaan kan hin bocamneedha- isa dhabamsiisanu malee yookaan isa haqanu malee akka hin dhiifneetti ergaa turani.
akkasuma qabrii ol ka'aa kamuu dachiin wol qixxeessanii, ijaarsa isa irra jiru diigan malee akka hin dhiifne, yookaan immoo diriiraa dachii irraa hedduu ol hin fuudhamne taasisan malee akka hin dhiifne , hanga taakkuu tokkoo ol fuudhama.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. waan lubbuu qabu suuraa kaasuun haraama ta'uu isaa; karaa shirkiitti qaqqabsiisu irraa waan ta'eef.
  2. nama aangoo qabuuf yookaan humna itti qabuuf harkaan badii deebisuun karaa godhamuu isaa.
  3. suuraa, siidaa fi ijaarsa qabrii irraa fi hunda waan hambaa jaahiliyyaatti akeeku dhabamsiisuuf bolola nabiyyiin qabanu -Raabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-.