عن أبي بَشير الأنصاري رضي الله عنه:
أَنَّهُ كَانَ مَعَ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي بَعْضِ أَسْفَارِهِ، قَالَ: فَأَرْسَلَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ رَسُولًا -وَالنَّاسُ فِي مَبِيتِهِمْ-: «لَا يَبْقَيَنَّ فِي رَقَبَةِ بَعِيرٍ قِلَادَةٌ مِنْ وَتَرٍ أَوْ قِلَادَةٌ إِلَّا قُطِعَتْ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 2115]
المزيــد ...
Abuu Bashiir Al-Ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu-:
Garii imala isaanii keessatti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turee, akkana jedhe: namootaa bakka bultuma isaanii jiranuu ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun ergamaa wohii ergani: «Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 2115]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii imala isaanii irra haala turanitti, namoonni dunkaanaa fi manneen isaanii keessatti bakka hirriba isaanii kan keessa bulan turani, gara namootaatti nama wohii akka fannoowwan morma gaalaa irratti fannifaman, hidhaa xiyyaa irraa ta'us yookaan kan biraa kan akka callee yookaan kophee irraa ta'us waan morma gaalaa irratti fannifame kututti akka isaan ajajuuf eragani, sodaa ijaatiif jecha waan sana fannisu ture, isa kutytti ajajamani; homaa deebisuu waan hin dandeenyeef jecha, fayyaduu fi miidhuun harka Rabbii hiriyaa hin qabnee qofa jira.