عَنْ عَدِيِّ بْنِ حَاتِمٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَا مِنْكُمْ مِنْ أَحَدٍ إِلَّا سَيُكَلِّمُهُ اللهُ، لَيْسَ بَيْنَهُ وَبَيْنَهُ تُرْجُمَانٌ، فَيَنْظُرُ أَيْمَنَ مِنْهُ فَلَا يَرَى إِلَّا مَا قَدَّمَ، وَيَنْظُرُ أَشْأَمَ مِنْهُ فَلَا يَرَى إِلَّا مَا قَدَّمَ، وَيَنْظُرُ بَيْنَ يَدَيْهِ فَلَا يَرَى إِلَّا النَّارَ تِلْقَاءَ وَجْهِهِ، فَاتَّقُوا النَّارَ وَلَوْ بِشِقِّ تَمْرَةٍ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 1016]
المزيــد ...
Adiyyii ibnu Haatim irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Eenyuu keessanuu Rabbiin haala gidduu isaatii fi gidduu keessanitti turjumaanni hin jirreen isa haasofsiisu malee hin hafu, namichi yeroo sana mirga isaa ilaalee waan dabarse malee homaa hin argu, gara bitaa isaas ilaalee waan dabarse malee homaa hin argu, fuuldura isaas ilaalee ibidda malee fuula isaa duratti homaa hin argu, Rabbiin sodaadhaa cinaa tamiraatiin osoo ta'ellee».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 1016]
Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi mu'uminaatuu guyya qiyaamaa qofaa isaa Rabbiin fuuldura akka dhaabbatu himani, Rabbiin simaa baloo tokkoon malee, akkasumas gidduu isaanii turjumaanni haasawa isaanii hiiku jiraachuun maletti isa haasofsiisa, akkaan rifachuu irraa kan ka'een gara mirga isaatii fi bitaa isaa ilaala, tarii karaa ittiin deemu argatee isaan ibidda fuuldura isaa jiru irraa najaa ba'uun ni mala isa jedhuuf. gara mirga isaa yeroo ilaalu hojii gaarii irraa waan dabarfate malee homaa hin argu, yeroo gara bitaa isaa ilaalus hojii badaa dabarse malee homaa hin argu. yeroo fuuldura isaa ilaalus ibidda malee homaa hin argu, isii irraa dabuun isaaf hin ta'u siraaxa irra darbuun hafiinsa waan hin qabneef jecha. eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gidduu keessanii fi gidduu ibiddaatti sadaqaa fi hojii toltuu ittisa taasifadhaa jedhani, waan xiqqoon yoo ta'ellee akka wolakkaa tamiraa.