+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه عن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«مَا نَقَصَتْ صَدَقَةٌ مِنْ مَالٍ، وَمَا زَادَ اللهُ عَبْدًا بِعَفْوٍ إِلَّا عِزًّا، وَمَا تَوَاضَعَ أَحَدٌ لِلهِ إِلَّا رَفَعَهُ اللهُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2588]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Sadaqaan qabeenya kamuu irraa hin hir'ifne, Rabbiin garbicha tokkoof dhiifama gochuu isaatiif injifannoo malee homaa hin daballe, namni tokkoyyuu Rabbiif jecha gad of qabee Rabbiin ol isa fuudhu malee hin hafu".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2588]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadaqaan qabeenya akka hin hir'ifne ifa galchani, inumaayyuu balaa abbaa isii irraa ittifti, Rabbiin abbaa isiitiif toltuu guddaadhaan bakka buusa, kanaafuu hir'ina osoo hin taane dabalata taati.
Haaloo ba'uu danda'uu waliin yookaan abbaa isaa adabuu danda'uu waliin dhiifama gochuun humnaa fi injifannoo malee homaa hin dabalu.
Namni tokkoyyuu sodaaf, fakkeessaa fi bu'aa wohii irraa barbaaduuf kan hin taane fuula Rabbiitiif jecha of gadi qabee of xinneesse taanaan, mindaan isaa olaantummaa fi kabajaa ta'u malee hin hafu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Toltuu fi milkiin shari'aa hojii irra oolchuu fi khayrii hojjachuun argama, namni gariin faallaa kanaatiin argama jedhee yaadullee.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa foolaaniyyaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية
Garsisuu hiikowani