+ -

عَنْ خُرَيْمِ بْنِ فَاتِكٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«الْأَعْمَالُ سِتَّةٌ، وَالنَّاسُ أَرْبَعَةٌ، فَمُوجِبَتَانِ، وَمِثْلٌ بِمِثْلٍ، وَحَسَنَةٌ بِعَشْرِ أَمْثَالِهَا، وَحَسَنَةٌ بِسَبْعِ مِائَةٍ، فَأَمَّا الْمُوجِبَتَانِ: فَمَنْ مَاتَ لَا يُشْرِكُ بِاللهِ شَيْئًا دَخَلَ الْجَنَّةَ، وَمَنْ مَاتَ يُشْرِكُ بِاللهِ شَيْئًا دَخَلَ النَّارَ، وَأَمَّا مِثْلٌ بِمِثْلٍ: فَمَنْ هَمَّ بِحَسَنَةٍ حَتَّى يَشْعُرَهَا قَلْبُهُ، وَيَعْلَمَهَا اللهُ مِنْهُ كُتِبَتْ لَهُ حَسَنَةً، وَمَنْ عَمِلَ سَيِّئَةً، كُتِبَتْ عَلَيْهِ سَيِّئَةً، وَمَنْ عَمِلَ حَسَنَةً فَبِعَشْرِ أَمْثَالِهَا، وَمَنْ أَنْفَقَ نَفَقَةً فِي سَبِيلِ اللهِ فَحَسَنَةٌ بِسَبْعِ مِائَةٍ، وَأَمَّا النَّاسُ، فَمُوَسَّعٌ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا مَقْتُورٌ عَلَيْهِ فِي الْآخِرَةِ، وَمَقْتُورٌ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا مُوَسَّعٌ عَلَيْهِ فِي الْآخِرَةِ، وَمَقْتُورٌ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَمُوَسَّعٌ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ».

[حسن] - [رواه أحمد] - [مسند أحمد: 18900]
المزيــد ...

Khuraymi ilma faatik irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Gosoonni hojiiwwananii jaha, gosoonni namootaa afuri, (gosti hojiiwwanii) lama dirqamsiiftuudha, fakkaataa fakkaataadhaan mindeessuu, toltuun fakkaattii isii kudhaniinii fi toltuun tokko dhibba torbaaniidha, Dirqamsiiftuun lameen: namni osoo waan tokkoollee Rabbitti hin qindeessin du'e jannata seene, namni haala waan tokko Rabbitti qindeessuun du'e ibidda seene, fakkaataa fakkaataan mindeessuun immoo: namni hanga qalbiin isaa beekuttii fi murannoo isaa Rabbiin irraa beekutti toltuu hojjachuu kan yaade toltuu tokkotu isaaf barreeffama, namni hamtuu hojjate hamtuu tokkotu isa irratti barreeffama, namni toltuu tokko hojjate fakkaattii isaa kudhaniin isaaf barreeffama, namni kennaa tokko karaa Rabbii irratti kenne toltuun tokko dhibba torbaan isaaf qabama, Namoonni afran immooo, tokko kan duuniyaa irratti isatti bal'ifamee Aakhiraatti immoo isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa irratti kan isatti dhiphifamee Aakhiraatti immoo isatti bal'ifamuudha, tokkoo immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti bal'ifamuudha".

[sirrii] - [ahmad odeesse] - [Musnada Ahmad - 18900]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-gosti hojiiwwani jaha akka ta'ee fi gosti namootaa afur akka ta'e himani. gosti hojiiwwan jahan:
Tokkoffaan: namni waan tokkollee haala Rabbitti hin qindeessineen du'e jannanni isaaf raggaate.
Lammaffaan: namni haala waan tokko Rabbitti qindeessuun du'e haala isii keessa yeroo maraa jiraatuun ibiddi isa irratti raggaate.
Jarri lamaan kun dirqamsiiftuu lamaani.
Sadaffaan: toltuu yaadamteedha, namni toltuu hojjachuu yaadee yaada isaa kana kessatti hanga qalbiin isaa beektee Rabbiin yaada isaa kana isa irraa beekutti dhugaa dubbataa ta'ee, eegasii wanti wohii isa mudatee jennaan toltuu kana osoo hin hojjatin hafee toltuu guutuutu isaaf barreeffama.
Afraffaan: badii hojjatamte, namni badii tokko hojjate badii tokkotti isaaf barreeffamti.
Isaan lameen: dachaa ta'uun maletti fakkaataan fakkaataadhumaan ta'a.
Shanaffaan: toltuun fakkaattii isii kudhaniin taatuudha, inni namni toltuu niyyatee isii hojjate; toltuuwwan kudhantu isaaf barreeffama.
Ja'affaan: toltuu toltuuwwan dhibba torba taatuudha, isiin namni kennaa tokko karaa Rabbii keessatti kennate toltutttiin kun toltuuwwan dhibba torbaan isaaf barreeffamti, kun tolaa fi arjummaa Isaa -Inni ol ta'ee kheyriin Isaa heddummaate- kan inni gabroottan Isaa irratti oole irraayi.
Gosti namootaa afran immoo isaan:
kan jalqabaa: nama duuniyaa irratti rizqiin isatti bal'ifame, inni isii keessatti qananiifamaadha isii keessatti waan fedhe ni aragata, garuu Aakhiraatti immoo itti dhiphifama, deebiin isaas gara ibiddaati, inni kaafira dureessaadha.
Lammaffaan: nama duuniyaa keessatti rizqiin isatti dhiphifame, garuu Aakhiraatti immoo isatti bal'ifamaadha, deebiin isaas gara jannataati ta'a, inni mu'umina hiyyeessadha.
Sadaffaan: nama duuniyaa fi aakhiratti itti dhiphifame, inni kaafira hiyyeessadha.
Afraffaan: nama duuniyaa fi aakhiraatti itti bal'ifame, inni mu'umina dureessaadha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Tolli Rabbii ol ta'ee gabroottan irratti guddaa ta'uu isaatii fi toltuuwwan dachaa taasisuu Isaati.
  2. Haqummaa fi arjummaa Rabbiiti, hamtuu irratti haqaan waan nuuf deebiseef jecha, mindaan hamtuu tokkoon deebifama.
  3. Rabbitti waan biroo qindeessuun guddaa ta'uu isaati, isa keessa jannata dhabuutu jira.
  4. Sadarkaa karaa Rabbii keessatti kennachuun qabuudha.
  5. Karaa Rabbii keessatti kennachuun dachaa taasifamuun dachaa dhibba torba irraa eegala; sababni isaas jecha Rabbii ol taasisuu irratti waan isiin gargaarttuuf jecha.
  6. Gosoota namootaa fi addaa addummaa isaanii ibsuutu keessa jira.
  7. Duuniyaa keessatti mu'uminaa fi kan mu'umina hin taanettiis ni bal'ifama, Aakhiraatti garuu mu'uminatti malee hin bal'ifamu.