+ -

عَن أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«يَأْتِي الشَّيْطَانُ أَحَدَكُمْ فَيَقُولُ: مَنْ خَلَقَ كَذَا؟ مَنْ خَلَقَ كَذَا؟ حَتَّى يَقُولَ: مَنْ خَلَقَ رَبَّكَ؟ فَإِذَا بَلَغَهُ فَلْيَسْتَعِذْ بِاللهِ وَلْيَنْتَهِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3276]
المزيــد ...

Abuu Hurayraaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3276]

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaaffiiwwan shayxaanni ittiin mu'umina waswaasuuf dawaa bu'aa qabeessa himani, Shayxaanni ni jedha: kana eenyutu uume? kanas eenyutu uume? samii eenyutu uume? dachii eenyutu uume? Mu'uminni amantii, uumamaa fi sammuun akkana jechuun isaaf deebisa: Allaahaadha, Garuu shayxaanni waswasaa irraa hanga kanatti hin dhaabbatu, hanga eenyutu Rabbii kee uume jedhutti tarkaanfata?. Mu'uminni yeroo sanitti waswasaa kana wantoota sadiin deebisa:
Rabbitti amanuudhaan.
Shayxaana irraa Rabbitti maganfachuun.
Waswasaa faana deemuu irraa dhaabbachuun.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa foolaaniyyaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa اليونانية uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية اللينجالا المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waswasaa shayxaanaa fi waan inni qalbii irra fidu irraa garagaluuu fi waan isaa yaaduu dhiisuudha, akkasumas waswasaa sana deemsisuuf gara Rabbii ol ta'etti deebi'uudha.
  2. Waswasaa shari'aa faallessitu irraa hundi waan qalbii namaa keessatti argamuu inni shayxaana irraati.
  3. Zaata Rabbiitiin wal qabatee xiinxaluu irraa dhoorguu fi uumamtoota Isaatii fi mallattoowwan Isaa xiinxaluutti kakaasuutu keessa jira.