+ -

عَنِ ابْنِ مَسْعُودٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ:
قَالَ رَجُلٌ: يَا رَسُولَ اللهِ، أَنُؤَاخَذُ بِمَا عَمِلْنَا فِي الْجَاهِلِيَّةِ؟ قَالَ: «مَنْ أَحْسَنَ فِي الْإِسْلَامِ لَمْ يُؤَاخَذْ بِمَا عَمِلَ فِي الْجَاهِلِيَّةِ، وَمَنْ أَسَاءَ فِي الْإِسْلَامِ أُخِذَ بِالْأَوَّلِ وَالْآخِرِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6921]
المزيــد ...

Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Namtichi tokko ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, waan jaahiliyyaa (bara doofummaa ergamuu isaaniitiin duraa) keessatti hojjanneen ni qabamnaa?, isaanis ni jedhan: " Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6921]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa islaamummaatti seenuun qabu ibsani, Dhugumatti namni qulqulluu fi nama dhugaa ta'ee islaamummaan isaa tole; badii irraa waan jaahiliyyaa keessatti (islaamummaatti osoo hin dhufiniin duratti) hojjateef hin herregamu, Namni islaamummaa keessatti balleesse munaafiqa ta'uun yookaan amantaa isaa irraa deebi'uun, waan kufrii fi islaamummaa keessatti hojjateef herregama.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hojiiwwan jibbamaa jaahiliyyaa keessatti isaan irraa argameef Xiyyeeffannoo kennuu sahaabotaa fi sodaa isaaniiti -jaalalli Rabbiin isaan irra haa jiraatu-.
  2. Islaamummaa irratti gadi dhaabbachuutti kakaasuudha.
  3. Sadarkaa islaamummaatti seenuun qabuudha, inni dhugumatti hojiiwwan darban ni haqa.
  4. Namni islaamummaa irraa garagalee fi munaafiqni, hunda hojii isaa jaahiliyyimmaa keessatti darbeef ni herregama, akkasumas hunda badii islaamummaa keessatti hojjateefis.