عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«الْإِيمَانُ بِضْعٌ وَسَبْعُونَ -أَوْ بِضْعٌ وَسِتُّونَ- شُعْبَةً، فَأَفْضَلُهَا قَوْلُ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَدْنَاهَا إِمَاطَةُ الْأَذَى عَنِ الطَّرِيقِ، وَالْحَيَاءُ شُعْبَةٌ مِنَ الْإِيمَانِ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 35]
المزيــد ...
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Iimaanni damee torbaatamii fi wohi yookaan jaatamii fi wohi, irra caalaan isaa jecha Laa ilaaha illallaah jedhu, irra gadi aanaan isaa waan nama rakkisu(azaa) karaa irraa dabsuudha, saalfiinis damee tokko kan iimaanaa ta'e».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 35]
nNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- iimaanni damee fi gosa hedduu akka ta'e himani, hojii, aqiidaa fi jechoota of keessatti qabata.
Irra caalaa fi irra ol'aanaan isaa jecha: "Laa ilaaha illallaah" jedhu, hiika isaa beekanii, waan inni itti qajeelchutti hojjachuun wajjiin, sunis Rabbiin inni gabbaramaa tokko tokkicha kan qofaa isaa gabbartii haqa godhatu ta'uu beekuudha.
irra xiqqaan hojii iimaanaa hunda waan azaa nama godhuu karaa isaanii irraa dabsuudha.
eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saalfiin gosoota iimaanaa irraa akka ta'e himani, saalfiin waan gaarii hojjatanii waan fokkataa dhiisuu irratti nama kaasa.