عَنْ أَبي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَا مِنْ صَاحِبِ ذَهَبٍ وَلَا فِضَّةٍ، لَا يُؤَدِّي مِنْهَا حَقَّهَا، إِلَّا إِذَا كَانَ يَوْمُ الْقِيَامَةِ، صُفِّحَتْ لَهُ صَفَائِحُ مِنْ نَارٍ، فَأُحْمِيَ عَلَيْهَا فِي نَارِ جَهَنَّمَ، فَيُكْوَى بِهَا جَنْبُهُ وَجَبِينُهُ وَظَهْرُهُ، كُلَّمَا بَرَدَتْ أُعِيدَتْ لَهُ، فِي يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُ خَمْسِينَ أَلْفَ سَنَةٍ، حَتَّى يُقْضَى بَيْنَ الْعِبَادِ، فَيَرَى سَبِيلَهُ، إِمَّا إِلَى الْجَنَّةِ، وَإِمَّا إِلَى النَّارِ»
قِيلَ: يَا رَسُولَ اللهِ، فَالْإِبِلُ؟ قَالَ: «وَلَا صَاحِبُ إِبِلٍ لَا يُؤَدِّي مِنْهَا حَقَّهَا، وَمِنْ حَقِّهَا حَلَبُهَا يَوْمَ وِرْدِهَا، إِلَّا إِذَا كَانَ يَوْمُ الْقِيَامَةِ، بُطِحَ لَهَا بِقَاعٍ قَرْقَرٍ، أَوْفَرَ مَا كَانَتْ، لَا يَفْقِدُ مِنْهَا فَصِيلًا وَاحِدًا، تَطَؤُهُ بِأَخْفَافِهَا وَتَعَضُّهُ بِأَفْوَاهِهَا، كُلَّمَا مَرَّ عَلَيْهِ أُولَاهَا رُدَّ عَلَيْهِ أُخْرَاهَا، فِي يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُ خَمْسِينَ أَلْفَ سَنَةٍ، حَتَّى يُقْضَى بَيْنَ الْعِبَادِ، فَيَرَى سَبِيلَهُ إِمَّا إِلَى الْجَنَّةِ، وَإِمَّا إِلَى النَّارِ»
قِيلَ: يَا رَسُولَ اللهِ، فَالْبَقَرُ وَالْغَنَمُ؟ قَالَ: «وَلَا صَاحِبُ بَقَرٍ، وَلَا غَنَمٍ، لَا يُؤَدِّي مِنْهَا حَقَّهَا، إِلَّا إِذَا كَانَ يَوْمُ الْقِيَامَةِ بُطِحَ لَهَا بِقَاعٍ قَرْقَرٍ، لَا يَفْقِدُ مِنْهَا شَيْئًا، لَيْسَ فِيهَا عَقْصَاءُ، وَلَا جَلْحَاءُ، وَلَا عَضْبَاءُ تَنْطَحُهُ بِقُرُونِهَا وَتَطَؤُهُ بِأَظْلَافِهَا، كُلَّمَا مَرَّ عَلَيْهِ أُولَاهَا رُدَّ عَلَيْهِ أُخْرَاهَا، فِي يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُ خَمْسِينَ أَلْفَ سَنَةٍ، حَتَّى يُقْضَى بَيْنَ الْعِبَادِ، فَيَرَى سَبِيلَهُ إِمَّا إِلَى الْجَنَّةِ، وَإِمَّا إِلَى النَّارِ»
قِيلَ: يَا رَسُولَ اللهِ، فَالْخَيْلُ؟ قَالَ: «الْخَيْلُ ثَلَاثَةٌ: هِيَ لِرَجُلٍ وِزْرٌ، وَهِيَ لِرَجُلٍ سِتْرٌ، وَهِيَ لِرَجُلٍ أَجْرٌ، فَأَمَّا الَّتِي هِيَ لَهُ وِزْرٌ، فَرَجُلٌ رَبَطَهَا رِيَاءً وَفَخْرًا وَنِوَاءً عَلَى أَهْلِ الْإِسْلَامِ، فَهِيَ لَهُ وِزْرٌ، وَأَمَّا الَّتِي هِيَ لَهُ سِتْرٌ، فَرَجُلٌ رَبَطَهَا فِي سَبِيلِ اللهِ، ثُمَّ لَمْ يَنْسَ حَقَّ اللهِ فِي ظُهُورِهَا وَلَا رِقَابِهَا، فَهِيَ لَهُ سِتْرٌ وَأَمَّا الَّتِي هِيَ لَهُ أَجْرٌ، فَرَجُلٌ رَبَطَهَا فِي سَبِيلِ اللهِ لِأَهْلِ الْإِسْلَامِ، فِي مَرْجٍ وَرَوْضَةٍ، فَمَا أَكَلَتْ مِنْ ذَلِكَ الْمَرْجِ، أَوِ الرَّوْضَةِ مِنْ شَيْءٍ، إِلَّا كُتِبَ لَهُ، عَدَدَ مَا أَكَلَتْ حَسَنَاتٌ، وَكُتِبَ لَهُ، عَدَدَ أَرْوَاثِهَا وَأَبْوَالِهَا، حَسَنَاتٌ، وَلَا تَقْطَعُ طِوَلَهَا فَاسْتَنَّتْ شَرَفًا، أَوْ شَرَفَيْنِ، إِلَّا كَتَبَ اللهُ لَهُ عَدَدَ آثَارِهَا وَأَرْوَاثِهَا حَسَنَاتٍ، وَلَا مَرَّ بِهَا صَاحِبُهَا عَلَى نَهْرٍ، فَشَرِبَتْ مِنْهُ وَلَا يُرِيدُ أَنْ يَسْقِيَهَا، إِلَّا كَتَبَ اللهُ لَهُ، عَدَدَ مَا شَرِبَتْ، حَسَنَاتٍ»
قِيلَ: يَا رَسُولَ اللهِ، فَالْحُمُرُ؟ قَالَ: «مَا أُنْزِلَ عَلَيَّ فِي الْحُمُرِ شَيْءٌ، إِلَّا هَذِهِ الْآيَةَ الْفَاذَّةُ الْجَامِعَةُ»: {فَمَنْ يَعْمَلْ مِثْقَالَ ذَرَّةٍ خَيْرًا يَرَهُ، وَمَنْ يَعْمَلْ مِثْقَالَ ذَرَّةٍ شَرًّا يَرَهُ} [الزلزلة: 8].
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 987]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan:
«Abbaan warqii fi meetii waan irraa kaffaluun malu hin kaffalin guyyaa Qiyaamaa loowhaan ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu, ibidda Jahannam keessatti ishee irratti oo'ifama, cinaachi isaa, addi isaa fi dugdi isaa isheedhaan gubama, yeroo qabbanaa'e hunda deebi'ee isaaf oo'ifama, guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantamatti lakkaa'amu keessatti akkasitti tura, hanga jidduu gabrootatti murtiin godhamee, karaa isaa gara Jannataa ykn gara ibiddaa ta'uu argutti».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 987]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gosoota qabeenyaa fi guyyaa qiyaamaa adabbii warra zakaa isaanii hin kaffalle ibsan, kanneen keessaa:
Inni jalqabaa: warqii fi meetii fi kan isaan lamaan fakkaatan, kan akka maallaqaa fi meeshaalee daldalaa, kan zakaan isa keessatti dirqama taate, garuu hin kaffalamne, Guyyaan Qiyaamaa yeroo gahe baqfamtee akka bifa gabatetti naqamtee, ibiddi irratti qabsiifamee, abbaan ishee ittiin adabama, cinaacha isaa, addi isaa fi dugdi isaa ittiin gubama, yeroo qabbanaa’e hundatti deebi’ee ho’ifama, Haala gidiraa kanaan, guyyaa qiyaamaa guutuu guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantama ta'u keessatti itti fufa, hanga Rabbiin uumama isaa gidduutti murteessutti, warra Jannataa ykn warra ibiddaa irraa ta'a.
Lammaffaan: Abbaa gaalaa kan zakaa fi haqa isaa hin kaffalle, sana keessaa namoota hiyyeessa ta'an irraa nama isheetti dhufuuf aannan elmuudha, Gaalonni kunniin guyyaa qiyaamaa gurguddoo gagabbatoo fi lakkoofsa keessatti kan duraanii caalaa ta'anii fidamanii, abbaan ishee dachii bal'oo wal qixa ta'e irratti isheedhaaf diriirfamee, miilaan isheetin irra deemaa ilkaan isheetin isa ciniinti, Yeroo inni dhumaa isa bira darbu hundatti inni jalqabaa itti deebifama, Haala gidiraa kanaan, guyyaa qiyaamaa guutuu guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantama ta'u keessatti itti fufa, hanga Rabbiin uumama isaa gidduutti murteessutti, warra Jannataa ykn warra ibiddaa irraa ta'a.
Sadaffaan: Abbaa horii fi re'eeti -hoola fi re'ee- kan abbaan ishee zakaa ishee keessatti dirqamaa hin kaffalle, guyyaa qiyaamaa osoo homaa irraa hin hir'atin lakkoofsa duraanii caalaa taatee fidamtee, abbaan ishee dachii bal’aa wal qixa ta’e irratti isheedhaaf diriirfama, tan gaafa baajii, tan gaafa hin qabne, tan gaafni irraa cabe ishee keessa hin jirtu, inumaachaa isheen haala ishee guutuu irratti jirti, gaafa isheetin isa waraanaa, miila isheetin irra deemti, yeroo inni dhumaa bira darbu hundatti inni jalqabaa itti deebifama. Haala gidiraa kanaan, guyyaa qiyaamaa guutuu guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantama ta'u keessatti itti fufa, hanga Rabbiin uumama isaa gidduutti murteessutti, warra Jannataa ykn warra ibiddaa irraa ta'a.
Afraffaan: Abbootii fardaati, inni gosa sadiitti qoodama:
Tokkoffaan: Isa namichaatti dilii ta'u, kunis nama na argiif, of tuuluu fi ummata Islaamaa irratti lola labsuuf isa godhate.
Lammaffaan: Isa namichaaf girdoo ta'u, kunis Nama karaa Rabbii irratti jihaadaaf farda qopheessee, ergasii tola itti ooluun, nyaataa fi kormaa itti gadi lakkisuu dabalatee waan ishee barbaachisu hunda kan kenneefi.
Sadaffaan: Isa namichaaf mindaa ta'u, kunis nama Islaamummaaf karaa Rabbii irratti jihaada gaggeessuuf isa godhate, inni dheeduuf margaa fi caffee keessa oola, lakkoofsa waan waan inni nyaatetiin toltuun isaaf barreeffamu malee hin hafu, akkasumas lakkoofsa faandoo fi fincaan isaatin toltuun isaaf barreeffamu malee hin hafu, inni haada isaa dheeraa ittiin hidhamu kutee, dafee gaara bahee jennaan; lakkoofsa faana fi faandoo isaatin toltuun isaaf barreeffamu malee hin hafu, Abbaan isaa laga bira isaan darbee jennaan bishaan hin dhugu abbaanisa isa obaasuu hin barbaadu, lakkoofsa waan inni dhugeetin isaaf barreeffamu malee hin hafu.
Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- harreen akka fardaati moo akkamii irraa gaafataman?
Akkas jedhan: Aayata fakkaatan ishee xiqqaa tana malee seerri isaaf addatti bu'e hin jiru, isheen kheyrii fi badii irraa gosoota hunda qabatti. Isheen jecha Rabbii ol ta'eeti: {Namni (hanga) madaala atoomii toltuu dalage isa ni argata, namni (hanga) madaala atoomii dalagaa badduu dalagees isa ni argata} [Az-Zalzalah: 8], Harroota horachuu keessatti namni kheyrii hojjate mindaa sanaa ni argata, yoo badii hojjates adabbii sanaa ni argata, kuni gochoota hunda hammata.