+ -

عن جَرِيْر بنِ عبدِ الله رضي الله عنه قال:
كُنَّا عِنْدَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَنَظَرَ إِلَى الْقَمَرِ لَيْلَةً -يَعْنِي الْبَدْرَ- فَقَالَ: «إِنَّكُمْ سَتَرَوْنَ رَبَّكُمْ كَمَا تَرَوْنَ هَذَا الْقَمَرَ، لَا تُضَامُونَ فِي رُؤْيَتِهِ، فَإِنِ اسْتَطَعْتُمْ أَنْ لَا تُغْلَبُوا عَلَى صَلَاةٍ قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ غُرُوبِهَا فَافْعَلُوا» ثُمَّ قَرَأَ: «{وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ الْغُرُوبِ}»

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 554]
المزيــد ...

Jariir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaalatu- ni jedhe:
Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira turree, halkan tokko -isheen halkan kudha afraffaati- gara ji'aa ilaalanii, akkas jedhan: "Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kana argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan. Yoo salaata osoo aduun hin bahinii fi osoo hin lixinii irratti moo'atamuu dhabuu dandeessan, hojjadhaa, eegasii qara'an: "{Osoo aduun hin bahinii fi osoo aduun hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 554]

Ibsaa

Sahaabonni halkan tokko Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turan, isaan gara ji'aa - halkan kudha afraffaa- ilaalanii, akkana jedhan: Mu’umintoonni Rabbii isaanii arguu keessatti osoo waan biraatti hin fakkaatin, osoo ofii isaanitii wal hin rakkisin, osoo cinqii fi rakkoon tokko isaan hin mudatin arguuf taa'an. Eegasii Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: Sababoota salaata fajrii fi asrii irraa isin dhoorgan muruu yoo dandeessan hojjadhaa, isaan lameenuu guutuu haala ta'aniin yeroo isaanitittii fi jama'aa waliin salaataa, sun sababoota fuula Rabbii ol ta'ee ittiin ilaaltan keessaa isa tokkoodha. Eegasii Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Aayaa tana qara'an:- {Osoo aduun hin bahinii fi osoo isheen hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbii ol ta'e jannata keessatti arguuf gammachuu warra iimaanati.
  2. Maloota da'awaa keessaa: jajjabeessuu, hawwisiisuu fi fakkeenya kennuudha.