Galmee Hadisotaa

Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuseef, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa
عربي Ingiliffaa Orduu
Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kana argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isaa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitabni Rabbii jira
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu
عربي Ingiliffaa Orduu
“Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga
عربي Ingiliffaa Orduu
Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e
عربي Ingiliffaa Orduu
Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa
عربي Ingiliffaa Orduu
Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhaammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a
عربي Ingiliffaa Orduu
Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti
عربي Ingiliffaa Orduu
‌Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'e mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin toltuu tokkollee mu'umina hin miidhu, duuniyaatti isiidhaan kennama, aakhiratti immoo isiidhaan mindeeffama
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola
عربي Ingiliffaa Orduu
Yahuudaa woliin wol loltanii hanga dhagaan booda isaa yahuudaan jiru: yaa muslima kun booda koo kan jiru yahuudaadha isa ajjeesi jedhutti qiyaamaan hin dhaabbatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa lubbuun koo harka Isaa keessa jirtuun kakadhee, ilmi Maryam (Iisaan) haala daanyaa murtii haqaan murteessu ta'een isin keessatti bu'uun isaa ni dhihaata, yeroo sanatti fannoo kiristaanaa ni cabsa, karkarroo ni ajjeesa, gibira ni murteessa, horiinis hanga namni tokko kan isa qeebalu hin jiraannetti gad dhangal'a
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga yeroon walitti dhihaatutti qiyaamaan hin dhaabbattu
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”
عربي Ingiliffaa Orduu
Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama
عربي Ingiliffaa Orduu
Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha
عربي Ingiliffaa Orduu
ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan dhugaa dubbataa dhugeeffamaa kan ta'an akkas jechuun nuuf odeessan: «uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf wolitti qabama
عربي Ingiliffaa Orduu
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha
عربي Ingiliffaa Orduu
Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeetti hin qabuu?
عربي Ingiliffaa Orduu
{Ergasii wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan}
عربي Ingiliffaa Orduu
“Booda ummata kootii keessatti namoonni waan isinii fi abbootiin keessan hin dhagahin isinitti himan ni argamu, warra akkasii san irraa fagaadhaa”
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa
عربي Ingiliffaa Orduu