+ -

عَنْ ‌أَبِي هُرَيْرَةَ عَنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنَّهُ قَالَ:
«سَيَكُونُ فِي آخِرِ أُمَّتِي أُنَاسٌ يُحَدِّثُونَكُمْ مَا لَمْ تَسْمَعُوا أَنْتُمْ وَلَا آبَاؤُكُمْ، فَإِيَّاكُمْ وَإِيَّاهُمْ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 6]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee, Ergamaan Rabbiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
“Booda ummata kootii keessatti namoonni waan isinii fi abbootiin keessan hin dhagahin isinitti himan ni argamu, warra akkasii san irraa fagaadhaa”.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 6]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namoonni soba khalaqanii waan isaanin duratti namni tokkolleen hin jedhin jedhuu fi Hadiisawwan sobaa fi bakka hin qabne namaaf himan booda ummata isaanii keesstti akka argaman himanii, nuti isaan irraa akka faggannu nu ajajan, akkasumas isaanin waliin taa'uu fi haasaa isaanii dhagahuu dhabutti nu ajajaniiru, sababni isaas haasaan bakka hin qabne sun sammuu keessatti ragga'ee, ofirraa baasuu akka hin dadhabneef jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Mallattoo raajii nubuwwummaa keessaa tokko of keessaa qaba, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan fuul-duratti ummata isaanii mudatu himanii, akkuma isaan himanitti waan argameef jecha.
  2. Warra Amantii islaamaa fi Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irratti soban irraa fagaachuu fi soba isaanii dhaggeeffachuu dhabuun dirqama akka ta'eedha.
  3. Hadiisni dhugaa ta’uun isaa mirkanaa’e malee Hadiisa fudhachuu ykn facaasuu irraa akeekkachiisuudha.