1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. hadiisaafii beekkomsa waayee isaa

Hadiisa Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa

عن العِرْباضِ بن ساريةَ رضي الله عنه قال:
قام فينا رسول الله صلى الله عليه وسلم ذات يوم، فوَعَظَنا مَوعظةً بليغةً وَجِلتْ منها القلوبُ، وذَرَفتْ منها العيونُ، فقيل: يا رسول الله، وعظتَنَا موعظةَ مُودِّعٍ فاعهد إلينا بعهد. فقال: «عليكم بتقوى الله، والسمع والطاعة، وإن عبدًا حبشيًّا، وسترون من بعدي اختلافًا شديدًا، فعليكم بسنتي وسنة الخلفاء الراشدين المهديين، عَضُّوا عليها بالنواجِذ، وإياكم والأمور المحدثات، فإن كل بدعة ضلالة».

Irbaad bin Saariyaa irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:-
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".

sirrii abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan sunana ibnu maajah - 42

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaaboota isaanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji irraa imimmaan dhangalaafte gorsanii jennaan, Isaanis akkana jedhaniin: Yaa Ergamaa Rabbii gorsi kun gorsa dhaammataati fakkaata, gorsicha keessatti jabeessuu isaanii waan arganiif akkas jedhaniin, kanaafuu dhaamsa booda isaanitii isa qabatanii irra jiraatan isaan irraa barbaadan, Isaanis akkana jedhan: dirqamoota raawwachuu fi dhoorgaalee dhiisuun Rabbii ol ta'e sodaachun isinii dhaama, Akkasumas hooggantootaaf dhagayuu fi ajajamuudhaan isinii dhaama, osoo gabrichi wahii isinirratti moohellee, kana jechuunis uumama keessaa inni gadi aanaan bulchaa keessan ta’ellee hin didinaa isa tole jedhaa, fitnaan faca'uu soodaaf jecha, isin keessaa namni jiraate waldhabdee hedduudha arguuf taa'a. Eegasii karaa waldhabdee kana irraa ittiin bahan isaanii ibsan, sun sunnaa isaaniitii fi sunnaa qajeeloo fi qajeelfamoo booda isaanitii ta'an kan akka Abuu Bakr alssiddiiq, Umar bin Al-khaxxaab, Usmaan bin Affaani fi Aliyyi bin Abii Xaalib qabachuudhaani, Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu, akkasumas a'oo xumura ilkaanitti jiruun irratti ciniinuudhaani, kana jechuun sunnaa qabatanii itti hojjachuu keessatti cimuudha baana, Wantoota bid'aa ta'an kan guyyaa keessaa amantii keessatti argamsiifaman irraa isaan akeekkachiisan, hundummaan bid'aa jal'ina waan ta'eef jecha.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Barbaachisummaa Sunnaa qabachuu fi ishee hordofuuti.
  2. Gorsaa fi waan kheyrii himuun qalbii laaffisuuf xiyyooffannoo kennuudha.
  3. Booda isaanitii khaliifota afran qajeeloo fi qajeelfamoo ta'an kan Abuu Bakr, Umar, Usmaani fi Aliyyii -Rabbii isaan irraa haa jaallatu- hordofutti ajajuudha.
  4. Amantii keessatti waan hin jirre galchuu irraa dhoorguu fi hundummaan bid'aa jal'ina ta'uu ibsuudha.
  5. Bulchaa mu'uminootaaf yoo inni dilitti nama hin ajajin dhagayuu fi tole jechuudha.
  6. Yeroo fi haala hunda keessatti Rabbiin sodaachuun barbaachisaa ta'uudha.
  7. Waldhabdeen ummata kana keessatti argamaadha, yeroo inni argametti immoo gara Sunnaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkasumas gara sunnaa Khaliifotaa qajeeloo ta'anii deebi’uun dirqama ta'a.

Hiikkaawwan dhiheessuu

63 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو