+ -

عن عُقبة بن عامر الجُهني رضي الله عنه قال: قال رسولُ الله صلَّى الله عليه وسلم:
«الجاهِرُ بالقرآن كالجاهِرِ بالصَّدَقَةِ، والمُسِرُّ بالقرآن كالمُسِرِّ بالصَّدَقَة».

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي] - [سنن أبي داود: 1333]
المزيــد ...

Uqbaa bin Aamir al-juhanii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti».

[sirrii] - [abuu daawud odeesse - tirmizii odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 1333]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama mul'isee sadaqaa kennuu akka ta'e, akkasumas namni gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama dhoksee sadaqaa kennuu akka ta'e ibsani.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. akkuma sadaqaa dhoksanii kennuun irra caalaaa ta'etti, qur'aana dhoksanii qara'uunis irra caalaadha, iklaasni waan isa keessa jiruu fi agarsiifannaa fi of dinqisiifachuu irraa fagaachuun waan isa keessa jiruuf jecha, sagalee ol qabanii qara'uutti haajaan yoo nama waamte malee, akka qur'aana barsiisuufaa.