+ -

عن عبد الله بن عمرو رضي الله عنهما قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«يقالُ لصاحبِ القرآن: اقرَأ وارتَقِ، ورتِّل كما كُنْتَ ترتِّل في الدُنيا، فإن منزِلَكَ عندَ آخرِ آية تقرؤها».

[حسن] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي في الكبرى وأحمد] - [سنن أبي داود: 1464]
المزيــد ...

Abdullaah bin amrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Abbaa Qur'aanaatiin ni jedhama: qara'i, ol ba'i, akka duuniyaa irratti qara'aa turte sanattis qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuuti».

[hasani] - [abuu daawud odeesse - tirmizii odeesse - ahmad odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 1464]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama qur'aana qara'u, kan waan isa keessa jirutti hojjatu, kan isa qara'uu fi qomatti isa haffazuun yeroo mara isaan woliin jiruun yeroo jannata seenetti akkas akka jedhamuun himani: qur'aana qara'i, isaan darajaa jannataa keessa ol ba'i, akkasuma akkuma duuniyaa keessatti isa qara'aa turtetti suutaa fi tasgabbiin isa qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuuti.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. mindaan kan ta'u hangaa fi akkaataa hojiitiini.
  2. qur'aana qara'uu, isa tolchuu, qomatti isa qabachuu, isa xiinxaluu fi isatti hojjachuutti kakaasuutu keessa jira.
  3. jannanni qubsumaa fi sadarkaawwan hedduu qabdi, worri qur'aanaa isii keessaa irra olaantuu sadarkaa argata.