+ -

عن عبد الله بن عمرو رضي الله عنهما أن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«بَلِّغُوا عَنِّي وَلَوْ آيَةً، وَحَدِّثُوا عَنْ بَنِي إِسْرَائِيلَ وَلَا حَرَجَ، وَمَنْ كَذَبَ عَلَيَّ مُتَعَمِّدًا فَلْيَتَبَوَّأْ مَقْعَدَهُ مِنَ النَّارِ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 3461]
المزيــد ...

Abdullaah ilma Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- dhugumaan Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Aayaa tokkollee taatu ana irraa geessaa, banii israa'iil irraas odeessaa badii hin qabuutii, namni beekaa ana irratti sobe ibidda keessatti teessuma isaa haa mijjeeffatu".

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 3461]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekumsa Qur'aanaa yookaan Hadiisaa isaan irraa geessuutti ajajan, osoodhuma wantichi geeffamu muraasa ta'eellee, akka Aayaa takka tan Qur'aanaa, yookaan Hadiisa tokkooti, ulaagaa waan geessuu fi itti waamu sana beekuutiin. Eegasii banii israa'iil irraa taatewwan isaan mudatte kan shari'aa keenya hin faallessine yoo ta'e odeessuun rakkoo akka hin qabne ifa galchan. Eegasii isaan irratti sobuu irraa sodachisan, namni beekaa isaan irratti sobe lubbuu isaatiif ibidda keessatti mana haa godhatu jedhan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Shari'aa Rabbii geessuutti kakaasuu, namni waan haffazee fi hubate osoo xiqqoollee ta'e geessuutu isa irra jiraadha.
  2. Beekumsa shari'aa barbaaduun dirqama ta'uudha, Rabbiin gabbaruu fi shari'aa isaa haala sirriitiin geessuu akka danda'anuuf jecha
  3. Sirrummaa Hadiisa kamiiyyuu isa geessuu yookaan raabsuun duratti mirkaneeffachuun dirqama ta'uudha, akka sodaachisa jabaa kana keessa hin seenne of eeguuf jecha.
  4. Haasaa keessatti dhugaa dubbachuu fi Hadiisa odeessuu keessatti of eeggannoo gochuutti kakaasuudha, akka sobatti hin galleef jecha, keessattuu shari'aa Rabbii ol ta'ee keessatti.