عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«مَنْ كَذَبَ عَلَيَّ مُتَعَمِّدًا فَلْيَتَبَوَّأْ مَقْعَدَهُ مِنَ النَّارِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 110]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa laallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
“Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 110]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni itti yaadee isaan irratti jecha ykn gocha tokko isaanitti hirkisuun sobe/kijibe soba sanaaf jecha mindaa isaa haala ta'een isaaf teessootu ibidda keessatti jiraaf jechuudha ibsan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- itti yaadanii beekkan sobuun ibidda jahannam seenuuf sababa namatti ta'aadha.
  2. Nabiyyii irratti sobuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka namoota biroo irratti sobuutii miti, sababni isaas nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sobuun amantii fi addunyaa keessatti badii gurguddoo waan of keessaa qabuuf jecha.
  3. Osoo hubatanii gara Nabiyyitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hirkifamuun ishee sirriidha moo sirrii mitii hin mirkaneeffatin Hadiisa facaasuu irraa akeekachiisuudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (55)