+ -

عن أَنَسَ بْنَ مَالِكٍ رضي الله عنه قال:
بينما نحن جلوس مع النبي صلى الله عليه وسلم في المسجد دخل رجل على جمل، فأناخه في المسجد ثم عقله، ثم قال لهم: أيكم محمد؟ والنبي صلى الله عليه وسلم متكئ بين ظهرانيهم، فقلنا: هذا الرجل الأبيض المتكئ. فقال له الرجل: يا ابن عبد المطلب فقال له النبي صلى الله عليه وسلم: «قد أجبتك». فقال الرجل للنبي صلى الله عليه وسلم: إني سائلك فمشدد عليك في المسألة، فلا تجد علي في نفسك؟ فقال: «سل عما بدا لك» فقال: أسألك بربك ورب من قبلك، آلله أرسلك إلى الناس كلهم؟ فقال: «اللهم نعم». قال: أنشدك بالله، آلله أمرك أن نصلي الصلوات الخمس في اليوم والليلة؟ قال: «اللهم نعم». قال: أنشدك بالله، آلله أمرك أن نصوم هذا الشهر من السنة؟ قال: «اللهم نعم». قال: أنشدك بالله، آلله أمرك أن تأخذ هذه الصدقة من أغنيائنا فتقسمها على فقرائنا؟ فقال النبي صلى الله عليه وسلم: «اللهم نعم». فقال الرجل: آمنت بما جئت به، وأنا رسول من ورائي من قومي، وأنا ضمام بن ثعلبة أخو بني سعد بن بكر.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 63]
المزيــد ...

Anas bin maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
osoo nuti nabiyyii waliin masjiida keessa teenyee jirruu -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi wohii gaala irra taa'ee ol seenee, masjiida keessatti eega jilbeenfachiisee booda isa hidhuun, eegasii isin keessaa eenyu Muhammad? jechuun isaan gaafte, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan gidduutti hirkatanii jiru, nutis namticha adii hirkatee jiru kana jenneen. namtichis: yaa ilma Abdul muxxalib jechuun isaan waame, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «dhugumatti siif owwaadheen jira» jedhaniin. namtichis nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedheen: ani gaaffiin si gaafachuuf deema gaaffii sana keessattis immoo sittan jabeessa, keessoo keetti homaa natti hin qabattuu mitii? isaanis « eeyyeen waan barbaadde na gaafadhu» jedhaniin, namtichis ni jedheen: Rabbii keetii fi Rabbii worra siin duraa ta'eenan si gaafadha, Rabbumatu gara ilma namaa hundatti si ergee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi ni jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu halkanii fi guyyaa keessatti salaata shan akka salaannu si ajajee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, woggaa keessatti baatii kana akka soomannu Rabbumatu si ajajee? isaani «eeyyeen Rabbii natti haa ta'u» jedhaniin. ammas itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu qabeenya kana dureessa keenya irraa fuutee rakkataa keenyatti akka qooddu si ajajee? nabiyyiinis -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. namtichis yeruma kana akkas jedheen: waan ati qabattee dhuftetti amaneen jira, ani immoo ergamaa hawaasa koo ana boodaan jiranuuti, ani obboleessa worra banii sa'ad bin bakri kan ta'e dimaam bin sa'alabaan jedhama.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 63]

Ibsaa

Anas bin maalik -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- sahaabotaa nabiyyii waliin masjiida keessa taa'aa jiruu namtichi wohii gaala irra taa'ee isaanitti ol seenee gaala isaa jilbeenfachiisee eegasii akka isa hidhe dubbata eegasii isin keessa Muhammad eenyu? jechuun isaan gaafate? nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota gidduutti hirkatanii jiru, nutis namticha adii hirkatee jiru kana jenneen, namtichis yaa ilma Abdul muxxalib jedheen, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- si dhaga'een jiraa, gaafadhu siifan deebisaa jedhaniin. namtichis nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusuu- akkas jedheen: ani sin gaafadha gaaffii keessattis sittin jabeessa, of keessatti homaa natti hin qabatin. akkas jechuun: natti hin dallanin dhiphinnis si hin mudatin jechuudha, eegasii isaanis waan feete irraa gaafadhu jedhaniin. innis Rabbii keetii fi Rabbii worraa siin duraatiinan si gaafadha, Rabbumatu gara namootaatti si ergee? jedheen isaanis eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u jedhaniin, dhugummaa isaanii mirkaneessuuf jecha, namtichis ni jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu guyyaa fi halkan keessatti salaata shanan akka salaannu si ajajee? isiin salaatowwan dirqamaati, isaanis ni jedhan: eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u, ammas namtichi itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu woggaa keessatti baatii kana akka soomannu si ajajee? baatii Ramadaanaa jechuudha, isaanis eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u jedhaniin, namtichi ammas itti fufuun akkas jedheen: Rabbumatu sadaqaa kana dureessa keenya irraa fuutee rakkataa keenyaaf qooduu si ajajee? isiin zakaadha, nabiyyiinis -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u jedhaniin, dimaamis islaamummaa qeebaluun, akka hawaasa isaa gara islaamummaatti waamu nabiyyiitti -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- himee, eegasii dimaam bin sa'alabaa akka jedhamuu fi worra banii sa'ad bin bakrii irraa akka ta'e of beeksise.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Of gadi qabuu nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa fudhanna; namtichi isaanii fi sahaabota isaanii addaan baasee beekuu waan hin dandayiniif jecha.
  2. akkasuma haala toluu nabiyyii fi yeroo gaafataaf deebisanu suutaan deebisuu isaanii, deebiin toluun sababaa waamichi qeebaltii argachuutiidha.
  3. nama tokko uumama isaa adii, diimaa, dheeraa, gabaabaa fi kanneen sana fakkaatanu kan xureessuun ittiin hin barbaadamneen beeksisuun eeyyamamaa ta'uudha, waan sana kan hin jibbine yoo ta'e.
  4. kaafirri haajaadhaaf masjiida seenuun eeyyamamaa ta'uudha.
  5. hadiisicha keessatti hajjii hin dubbanne; sababni isaas yeroo inni dhufee gaafate sanatti ammallee dirqama hin taasifamne ta'uun waan maluuf jecha.
  6. namoota gara islaamummaa waamuu keessatti bolola sahaabonni qabanu; akkuma islaamummaa qeebaleen hawaasa isaatiif waamicha gochuuf bolole.