+ -

عَنْ زِيَادِ بْنِ لَبِيدٍ رضي الله عنه قَالَ:
ذَكَرَ النَّبِيُّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ شَيْئًا، فَقَالَ: «ذَاكَ عِنْدَ أَوَانِ ذَهَابِ الْعِلْمِ» قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، وَكَيْفَ يَذْهَبُ الْعِلْمُ، وَنَحْنُ نَقْرَأُ الْقُرْآنَ وَنُقْرِئُهُ أَبْنَاءَنَا وَيُقْرِئُهُ أَبْنَاؤُنَا أَبْنَاءَهُمْ إِلَى يَوْمِ الْقِيَامَةِ؟ قَالَ: «ثَكِلَتْكَ أُمُّكَ زِيَادُ، إِنْ كُنْتُ لَأُرَاكَ مِنْ أَفْقَهِ رَجُلٍ بِالْمَدِينَةِ، أَوَلَيْسَ هَذِهِ الْيَهُودُ وَالنَّصَارَى يَقْرَؤونَ التَّوْرَاةَ وَالْإِنْجِيلَ، لَا يَعْمَلُونَ بِشَيْءٍ مِمَّا فِيهِمَا؟!».

[صحيح لغيره] - [رواه ابن ماجه] - [سنن ابن ماجه: 4048]
المزيــد ...

Ziyaad bin labiid irraa akka odeeffametti -Rabbii isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha» yaa ergamaa Rabbii osoo nuti qur'aana qaraanee ilmaan keenya qaraasisnuu, isaanis nu boodaan hanga guyyaa qiyaamaatti ilmaan isaanii qaraasisanii beekumsi akkamitti bada? jedhe, isaanis «haati kee si dhabde yaa ziyaad jechuun!, irra hubataa worra madiinaati jedheen si ilaalan ture, kunoo yahuudonnii fi nasaaraan tawraatii fi injiiliin qara'aa hin jiranuu, garuu immoo waan isaan lamaan keessa jirutti homaa hin hojjatanu!?».

[kanbirootiin sahiiha] - [ibnumaajah odeesse] - [sunana ibnu maajah - 4048]

Ibsaa

nabiyyiin haala sahaabota isaanii gidduu taa'aa turaniin yerocha sana kan isa keessa ilmiin namoota keessaa kaafamuu fi fuudhamu dubbatani, ziyaadi bin labiid al-ansaariin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ajaa'ibsiifachuun akkas jedhee nabiyyii -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, beekumsi akkamitti kaafamee nu harkaa bada? dhugaan qur'aana qaraanee qomatti isa qabannee jirra; Rabbiinan kakadha! ofiifis isa ni qaraana, dubartoota keenyaa fi ilmaan keenya, akkasumas ilmaan ilmaan keenyaas ni qaraasifna, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ajaa'ibsiifataa akkas jedhaniin: haati kee si haa dhabdu yaa ziyaad! beektota madiinaa irraan si lakkaawan tureemii! eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun isaaf ibsani: beekumsa dhabuun qur'aana dhabuunii miti; garuu beekumsa dhabuun isaatti hojjachuu dhabuuni, kunoo tawraatii fi injiil yahuudaa fi nasaaraa bira jiraa mitii; sanumaan waliin isaan hin fayyanne, ergaa isaa irraas hin fayyadamne, inni waan baratanitti hojjachuudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. qur'aanonnii fi kitaabonni yoo itti hin hojjanne harka namootaa jjiraachuun qofti homaa hin fayyaduudha.
  2. beekumsi kaafamun wantootaan ta'a, isaan keessaa: nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- du'uu, ulmaa'onni du'uu fi beekumsaan hojjachuu dhiisuuni.
  3. mallattoo qiyaamaa irraa beekumsi deemuu fi itti hojjachuu dhiisuudha.
  4. beekumsatti hojjachuutti kakaasuutu keessa jira, dhugumatti isatu barbaachisa waan ta'eefi.