Galmee Hadisotaa

Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha
عربي Ingiliffaa Orduu
Beekaatti ittiin dhaaddachuuf jecha beekumsa hin baratinaa, gowwootas ittiin falmuuf jechas hin baratinaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatoota kudhan kan qara'an turani, hanga beekumsaa fi hojii waan isii keessa jiru baranutti barumsa kurnan biroo hin fudhatanu ture
عربي Ingiliffaa Orduu
yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa?» ni jedhe: akkanan jedhe: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} [Al-baqaraa: 255], ni jedhe: ergamaanis qoma koo keessa rukutuun akkas jedhani: «Rabbiinan kakadha beekumsi si haa gammachiisu yaa abal munzir
عربي Ingiliffaa Orduu