+ -

عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ رضي الله عنهما أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لَا تَعَلَّمُوا الْعِلْمَ لِتُبَاهُوا بِهِ الْعُلَمَاءَ، وَلَا لِتُمَارُوا بِهِ السُّفَهَاءَ، وَلَا تَخَيَّرُوا بِهِ الْمَجَالِسَ، فَمَنْ فَعَلَ ذَلِكَ، فَالنَّارُ النَّارُ».

[صحيح] - [رواه ابن ماجه] - [سنن ابن ماجه: 254]
المزيــد ...

Jaabir bin Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
«Beekaatti ittiin dhaaddachuuf jecha beekumsa hin baratinaa, gowwootas ittiin falmuuf jechas hin baratinaa, akkasumas waltajjiitti ittiin filatamuuf jechas hin baratinaa, namni sana hojjate ibiddatu isaaf jira, ibiddatu isaaf jira».

[sirrii] - [ibnumaajah odeesse] - [sunana ibnu maajah - 254]

Ibsaa

nabiyyiin beekaatti ittiin dhaaddachuu, isaaniin dorgomuu fi anis beekaa akka keessaniiti jedhee of mul'isuuf jecha beekumsa, barbaaduu irraa sodaachisani, akkasuma gowwootaa fi wallaaltota ittiin falmuuf jecha yookaan immoo woltajjii irratti duree ta'ee namoota dursee dursi akka kennamuuf jecha barachuu irraa sodaachisani. namni waan sana hojjate; agarsiifannaa isaatii fi beekumsa Rabbiif barbaadamu keessatti ikhlaasa dhabuu isaatiin dhugumatti inni ibidda haqa godhataadha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. ittiin dhaaddachuuf jecha yookaan ittiin falmuuf jecha yookaan waltajjii irratti duree ta'uuf jecha nama beekumsa barate ibiddaan dinniinuudha.
  2. nama beekumsa baratee barsiisuuf barbaachisummaa ikhlaasaati.
  3. niyyaan bu'uura hojiiti, mindaanis isii irratti hundaa'ee ta'aadha.