+ -

عَنْ ‌أُبَيِّ بْنِ كَعْبٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«يَا أَبَا الْمُنْذِرِ، أَتَدْرِي أَيُّ آيَةٍ مِنْ كِتَابِ اللهِ مَعَكَ أَعْظَمُ؟» قَالَ: قُلْتُ: اللهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ. قَالَ: «يَا أَبَا الْمُنْذِرِ، أَتَدْرِي أَيُّ آيَةٍ مِنْ كِتَابِ اللهِ مَعَكَ أَعْظَمُ؟» قَالَ: قُلْتُ: {اللهُ لا إِلَهَ إِلا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ} [البقرة: 255]. قَالَ: فَضَرَبَ فِي صَدْرِي، وَقَالَ: «وَاللهِ لِيَهْنِكَ الْعِلْمُ، أَبَا الْمُنْذِرِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 810]
المزيــد ...

Ubayyi bin ka'ab irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa? Rabbumaa fi ergamaa isaatu beekan jedhe. ergamaanis ni jedhani: «yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa?» ni jedhe: akkanan jedhe: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} [Al-baqaraa: 255], ni jedhe: ergamaanis qoma koo keessa rukutuun akkas jedhani: «Rabbiinan kakadha beekumsi si haa gammachiisu yaa abal munzir».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 810]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kitaaba Rabbii keessaa aayaa irra guddoo taate irraa ubayyi bin ka'abiin gaafatanii jennaan, deebii keessa qaqqabate, eegasii isiin aayat al-kursiyyiidha: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} jedhe, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa deeggaranii, beekumsaa fi hayyummaan guutamuu isaatti akeekuuf jecha qoma isaa keessa rukutani, beekumsa kanaan akka gammaduu fi akka isaaf laaffifamutti du'aas godhaniif.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. sadarkaa guddoo ubayyi bin ka'ab qabuudha -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-
  2. aayat al-kursiyyiin kitaaba Rabbii keessatti irra guddoo aayataati, qomatti isii qabachuu, hiikkaa isii xiinxaluu fi isiitti hojjachuutu barbaachisa.