+ -

عَنْ ‌عَائِشَةَ رضي الله عنها:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ إِذَا أَوَى إِلَى فِرَاشِهِ كُلَّ لَيْلَةٍ جَمَعَ كَفَّيْهِ، ثُمَّ نَفَثَ فِيهِمَا فَقَرَأَ فِيهِمَا: {قُلْ هُوَ اللهُ أَحَدٌ}، وَ{قُلْ أَعُوذُ بِرَبِّ الْفَلَقِ}، وَ{قُلْ أَعُوذُ بِرَبِّ النَّاسِ}، ثُمَّ يَمْسَحُ بِهِمَا مَا اسْتَطَاعَ مِنْ جَسَدِهِ، يَبْدَأُ بِهِمَا عَلَى رَأْسِهِ وَوَجْهِهِ وَمَا أَقْبَلَ مِنْ جَسَدِهِ، يَفْعَلُ ذَلِكَ ثَلَاثَ مَرَّاتٍ.

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 5017]
المزيــد ...

Aa'ishaa irraa odeeffame -Rabbiin isii irraa haa jaallatu-:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan hundaa yeroo gara firaasha isaanitti bahanitti ganaa isaanii lameen walitti qabanii, eegasii isaan keessatti tuttufuun: {Qul huwa allaahu ahad}, {qul a'uuzu birabbi al-falaq} fi {qul a'uuzu birabbinnaas} isaan keessatti qara'an eegasii qaama isaanii irraa bakka danda'an isaan haxaawan, mataa isaanii, fuula isaanii fi qaama isaanii gara fuulduraa irraa eegalu, yeroo sadii waan sana hojjatu.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 5017]

Ibsaa

karaa isaanii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hirribaaf jecha yeroo firaasha isaaniitti bahanitti ganaa isaani lameen walitti qabanii ol fuudhuun -akka namni Rabbiin kadhatu ol fuudhutti- gorora xiqqoo waliin afaan isaanii keessaa afuuffaa xiqqoo isatti afuufuun suuraa sadeen: {qul huwallaahu ahad} {qul a'uuzu birabbi al-falaq} fi {qul a'uuzu birabbinnaas}, eegasii ganaa isaanii lameeniin mataa isaanii, fuula isaanii fi qaama isaanii gama fuulduraa irraa eeegaluun qaama isaanii irraa hanga danda'an haxaawu, yeroo sadi irra deddeebi'uun akkas godhu.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. hirribaan duratti suuraa ikhlaasii fi qul a'uuzuu lameen qara'uun isaaniin tuttufuun jallatamaa ta'uu isaa, qaama isaa irraa hanga danda'e haxaa'uu waliin.