+ -

عَنْ ‌عَدِيِّ بْنِ حَاتِمٍ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«الْيَهُودُ مَغْضُوبٌ عَلَيْهِمْ، وَالنَّصَارَى ضُلَّالٌ».

[صحيح] - [رواه الترمذي] - [سنن الترمذي: 2954]
المزيــد ...

Adiyyi bin Haatim irraa odeeffamee, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
"Yahuudoonni dheekkamsa Rabbii jala galanii jiru, Kiristaanonni immoo jallatoodha".

[sirrii] - [tirmizii odeesse] - [sunana tarmizii - 2954]

Ibsaa

Nbiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yahuudonni ummata Rabbiin itti dallane ta’uudha himan; Sababni isaas waan isaan dhugaa beekanii itti hin hojjatiniif jecha. Kiristaanonni immoo ummata karaa haqaa irraa maqan ta'uudha himan; sababni isaas beekumsa malee waan hojjataniif jecha. ​

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gidduu beekumsaa fi dalagaa walitti qabaachuun karaa warra irratti dallanameeti fi karaa warra karaa haqa irraa maqanii irraa nagaa nama baasaadha.
  2. Karaa yahuudaa fi Kiristaanotaa irraa akeekkachiisuudha, akkasumas karaa qajeelaa Islaamummaa irratti cichuun barbaachisaa akka ta'eedha.
  3. Hundummaan Yahuudotaa fi kiristaanotaa jallatoo fi irratti dallanamoo yoo ta’an, garuu ibsi adda ta’e Yahuudootaaf dallansuudha, ibsi adda ta’e kiristaanotaaf immoo jal'ina.