+ -

عَنْ ‌عَائِشَةَ رَضِيَ اللهُ عَنْهَا قَالَتْ:
تَلَا رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ هَذِهِ الْآيَةَ: {هُوَ الَّذِي أَنْزَلَ عَلَيْكَ الْكِتَابَ مِنْهُ آيَاتٌ مُحْكَمَاتٌ هُنَّ أُمُّ الْكِتَابِ وَأُخَرُ مُتَشَابِهَاتٌ فَأَمَّا الَّذِينَ فِي قُلُوبِهِمْ زَيْغٌ فَيَتَّبِعُونَ مَا تَشَابَهَ مِنْهُ ابْتِغَاءَ الْفِتْنَةِ وَابْتِغَاءَ تَأْوِيلِهِ، وَمَا يَعْلَمُ تَأْوِيلَهُ إِلَّا اللَّهُ، وَالرَّاسِخُونَ فِي الْعِلْمِ يَقُولُونَ آمَنَّا بِهِ كُلٌّ مِنْ عِنْدِ رَبِّنَا وَمَا يَذَّكَّرُ إِلَّا أُولُو الْأَلْبَابِ} [آل عمران: 7]. قَالَتْ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «فَإِذَا رَأَيْتِ الَّذِينَ يَتَّبِعُونَ مَا تَشَابَهَ مِنْهُ فَأُولَئِكَ الَّذِينَ سَمَّى اللهُ، فَاحْذَرُوهُمْ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 4547]
المزيــد ...

Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette:
ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatattii suuraa aala-imraan keessaa akkas jettu {inni isa sirratti kitaaba buuse isa irraa keeyyata ifaatu jira, isaan bu'uura kitaabaati, kan biraa immmoo wol fakkaattuudha, worri onnee isaanii keessa jallinni jiru fitnaa barbaachaa fi hiika isaa isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wol fakkaataa hordofu, hiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee homtuu hin beeku, worri beekumsa keessa fagaatan immoo "hunduu Rabbii keenya biraayyi itti amanne" jedhu, worra sammuu qabu malee namni biraa hin gorfamu} [suuraa aala-imraan: 7]. Aa'ishaanis akkas jette: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- itti fufuun akkas jedhani: «yeroo worra isa irraa waan wol fakkaate hordofu agarte isaani worri Rabbiin jedhe, isaan irraa of eeggadhaa».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 4547]

Ibsaa

ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatattii akkas jettu: {{inni isa sirratti kitaaba buuse isa irraa keeyyata ifaatu jira, isaan bu'uura kitaabaati, kan biraa immmoo wol fakkaattuudha, worri onnee isaanii keessa jallinni jiru fitnaa barbaachaa fi hiika isaa isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wol fakkaataa hordofu, hiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee homtuu hin beeku, worri beekumsa keessa fagaatan immoo "hunduu Rabbii keenya biraayyi itti amanne" jedhu, worra sammuu qabu malee namni biraa hin gorfamu} kana qara'an, isii keessatti qur'aana nabiyyii irratti kan buuse isa ta'uu Rabbiin ol ta'e hime, isa irraa aayatoota ergaan isii ifa taatetu jira, murtoon isii beekamtuu wol fakkaatinsi isii keessa hin jirredha, isiitu bu'uura kitaabaa fi wobii isaati, bakka wol dhabbiitti isiitu wobiidha, isa irraa immoo aayattoota biroo hiikkaa tokkoo ol qabaachuu malantu jiru, hikkaan isii namoota gariitti wol fakkaata, yookaan immoo isiidhaaf aayata biroo gidduutti wol fallessuutu jira se'a, eegasii Rabbiin aayatoota kanneen wojjiin akkaataa namoonni ta'an ibse, worri qalbii isaanii keessa haqa irraa jallachuun jiru waan ifa ta'e dhiisanii, waan namatti wol fakkaatu qabatan, sanaan shakkii kakaasuu fi Namoota dogoggorsuuf barbaadu, akkasumas akka fedhii isaanii wajjiin walsimututti lsii hiikuu barbaadu, Warri beekumsaan jabaatan immoo waan wal fakkaataa ta'e kana beekanii, isa gara waan ifa ta'etti deebisu, inni Rabbii ol ta'e biraa akka ta'es ni amanu, shakkii uumu fi wal faallessuu hin danda'u, garuu warra sammuu fayaa qaban malee sanaan hin gorfamu. Ergasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haadha mu'umintootaa Aa'ishaan -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- akkana jedhani: yeroo warra waan wal fakkaate hordofan argite, isaani warri Rabbiin isaan worri Rabbiin akana jechuun isaan dubbatee: {Warri qalbii isaanii keessatti jallinni jiru} isaan irraa of eeggadhaa irraa hin dhaggeeffatinaa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa اليونانية uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية اللينجالا المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. aayattoota qur'aanaa irraa kan ifaa ta'an: waan ergaan isiitii fi hiikkaan isii ifa galedha, walfakkaataan immoo: kan hikkaa tokkoo oliif malu kan gadi ilaaluu fi hubachuu barbaadudha.
  2. worra jallinaa, worra bida'aa fi worra nama jallisuu fi shakkii keessa isaan buusuuf jecha gaaffii kaasaniin wolitti makamuu irraa sodaachisuutu keessa jira.
  3. aayaticha jecha Rabbii ol ta'ee: {worra sammuu qabu malee namni biroo hin gorfamu} jedhuun xumuruu keessa: worra jallinaa mormuu fi worraa beekumsa keessa gadi fagaatan faarsuutu keessa jira, akkas jechuun: namni hin gorfamne, kan fedhii isaa hordofe inni worra sammuu qabu irraa miti jechuudha.
  4. wol fakkaataa hordofuun jallinaaf sababa ta'a.
  5. aayattoota wal fakkkaatoo ta'an kan hiikkaan isii hubatamuu dhabuu maltu gara aayattoota iftuu taateetti deebisuun dirqama ta'uu isaa.
  6. Rabbiin -inni qulqullaa'e- garii qur'aanaa ifa garii immoo wol fakkaataa taasise, ittiin nama qoree akka worri iimaanaa worra jallinaa irraa ittiin adda ba'anuuf jecha.
  7. wol fakkaataan qur'aana keessatti argamuu keessa: sadarkaa beektonni namoota kaan irra qaban muldhisuudha, akkasumas yaadni sammuu gabaabaa ta'uu isaa beeksisuudha; dadhabiinsa isii of irratti ragaa baatee tolchaa isiitti harka akka kennituuf jecha.
  8. beekumsa keessatti gadi fagaachuu fi isa keessatti ragga'uun sadarkaa inni qabuudha.
  9. hayyotni qur'aana hiikan jecha Rabbii { وما يعلم تأويله إلا الله والراسخون في العلم }{ hiikkaa isaa isa dhokataa Rabbiin malee hin beeku worri beekumsa keessa gadi fagaatani} jedhu irratti yaada lama qabani: worri jecha "Allaah" jedhu irratti dhaabbate, hiikkaa kan jedhu kan itti fedhame, maalummaa dhugaa waan tokkoo kallattii hundaan isa baruuf karaan kan itti hin jirre, akka dubbii lubbuu fi yeroo qiyaamaan itti dhaabbattuu kanneen Rabbiin beekumsa isaa of qofaaf taasise jechuu ta'a, worri beekumsa keessa gadi fagaatani itti amananii maalummaa isaa isa dhugaa Rabbitti hirkisuun isaaf qeebalanii ofiifis jallina irraa najaa ba'ani, worri jecha Rabbii "Allaah" jedhu irratti dhaabbachuu dhiisee kan isa boodaan jiruun wolitti fufee qara'e immoo, hiikkaa isaatti kan fedhame tafsiiraa fi ifa isa galchuu ta'a, akkaataa kanaan Rabbii fi worri beekumsa keessa gadi fagaatanis hiikkaa isaa ni beeku jechuu ta'a, isiitti amananii gara isii ifa taateetti deebisu jechuudha.