+ -

‌عن عَلِيٍّ قَالَ: إِنِّي كُنْتُ رَجُلًا إِذَا سَمِعْتُ مِنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ حَدِيثًا نَفَعَنِي اللهُ مِنْهُ بِمَا شَاءَ أَنْ يَنْفَعَنِي بِهِ، وَإِذَا حَدَّثَنِي رَجُلٌ مِنْ أَصْحَابِهِ اسْتَحْلَفْتُهُ، فَإِذَا حَلَفَ لِي صَدَّقْتُهُ، وَإِنَّهُ حَدَّثَنِي ‌أَبُو بَكْرٍ، وَصَدَقَ أَبُو بَكْرٍ، قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«مَا مِنْ رَجُلٍ يُذْنِبُ ذَنْبًا، ثُمَّ يَقُومُ فَيَتَطَهَّرُ، ثُمَّ يُصَلِّي، ثُمَّ يَسْتَغْفِرُ اللهَ، إِلَّا غَفَرَ اللهُ لَهُ»، ثُمَّ قَرَأَ هَذِهِ الْآيَةَ: {وَالَّذِينَ إِذَا فَعَلُوا فَاحِشَةً أَوْ ظَلَمُوا أَنْفُسَهُمْ ذَكَرُوا اللهَ فَاسْتَغْفَرُوا لِذُنُوبِهِمْ} [آل عمران: 135].

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي في الكبرى وابن ماجه وأحمد] - [سنن الترمذي: 406]
المزيــد ...

Aliyyi irraa odeeffamee akkana jedhe: Ani naman yeroo Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa tokko dhagaye Rabbiin isaan waan na fayyaduu fedhe na fayyadun ture, Sahaabota isaanii irraa yeroo namni tokko waa naa odeesse naa kakachuun irraa barbaada, yoo naa kakate isa nan dhugoomsa, dhugumatti Abuu Bakir naaf odeesse, Abuu Bakir dhugaadha dubbate, akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan akkas jedhuun dhagaye:
"Namni tokko dilii hojjetee, eegasii ka’ee wuduu'a hin godhatee, eegasii Rabbiin irraa araaama hin barbaadee jennaan, Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu, eegasii Aayaa tana qara'an: {Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookaan lubbuulee ofii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaanitiif araarama kadhataniidha} [Aali imraan: 135].

[sirrii] - [abuu daawud, tirmizii, nasa'iin kubraa keessatti- ibnumaajhfii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 406]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi tokko yoo dilii hojjatee, wuduu’a tolchee godhatee, eegasii ka'ee niyyaa badii isaa kana irraa towbachuutiin rak'aa lama salaatee, eegasii Rabbiin araarama kadhatee, Rabbiin isaaf dhiisa jechuudha himan. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha Rabbii ol ta’ee kana qara'an: {Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuulee isaanii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaaniitiif araarama kadhatanii fi Rabbiin malee kan badii araaramu hin jiru, haala badii ta’uu isaa beekaniin waan hojjatan irra hin turreedha} [Aali imraan: 135] [Aali Imraan: 135].

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Booda badiitii Salaatanii eegasii araarama kadhachuu irratti kakaasuudha.
  2. Bal'ina araarama Rabbii ol ta'eetii fi towbaa fi araarama nama Isa kadhatee qeebaluu Isaatiidha.