+ -

عَنِ ابْنِ عَبَّاسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا قَالَ:
قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ لِمُعَاذِ بْنِ جَبَلٍ، حِينَ بَعَثَهُ إِلَى الْيَمَنِ: «إِنَّكَ سَتَأْتِي قَوْمًا أَهْلَ كِتَابٍ، فَإِذَا جِئْتَهُمْ فَادْعُهُمْ إِلَى أَنْ يَشْهَدُوا أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، فَإِنْ هُمْ أَطَاعُوا لَكَ بِذَلِكَ، فَأَخْبِرْهُمْ أَنَّ اللهَ قَدْ فَرَضَ عَلَيْهِمْ خَمْسَ صَلَوَاتٍ فِي كُلِّ يَوْمٍ وَلَيْلَةٍ، فَإِنْ هُمْ أَطَاعُوا لَكَ بِذَلِكَ، فَأَخْبِرْهُمْ أَنَّ اللهَ قَدْ فَرَضَ عَلَيْهِمْ صَدَقَةً تُؤْخَذُ مِنْ أَغْنِيَائِهِمْ فَتُرَدُّ عَلَى فُقَرَائِهِمْ، فَإِنْ هُمْ أَطَاعُوا لَكَ بِذَلِكَ، فَإِيَّاكَ وَكَرَائِمَ أَمْوَالِهِمْ، وَاتَّقِ دَعْوَةَ الْمَظْلُومِ، فَإِنَّهُ لَيْسَ بَيْنَهُ وَبَيْنَ اللهِ حِجَابٌ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1496]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Mu'aaz ilma Jabaliin yeroo gara yamanitti isa erganitti ni jedhaniin: ''ati ummata wohii kan worra kitaaba kennaman irraa ta'anitti dhufta, yeroo isaan bira dhuftetti haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirreee fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaahaa akka ta'e gara Ragaa ba'utti isaan waami yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, guyyaa fi halkan hunda keessatti akka Rabbiin isaan irratti salaata shan dirqama taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, Rabbiin sadaqaa dureessowwan isaanii irraa fuudhamtee hiyyeessota isaaniitti deebitu dhugumatti dirqama akka isaan irratti taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan siif qeebalan ta'e, adaraa qabeenyawwan isaanii qaqqaalii irraa of eegadhu, kadhaa miidhamaa sodaaadhu, dhugumatti isaa fi Rabbiin gidduu girdoon hin jiruutii''.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1496]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-yeroo Mu'aaz ilma Jabaliin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- gara biyya yamanitti gara Rabbiitti waamaa fi barsiisaa haala ta'een isa erganitti, uummata Nasaaraa irraa ta'an akka qunnamu isaaf ibsan; akka isaaniif qophii ta'uuf jecha, eegasii isaan waamuu keessatti irra yaachisaadhaan, eegasii irra yaachisaadhaan akka eegaluuf jecha. Jalqaba gara Aqiidaa sirreeffachuutti isaan waama; dhugaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaaha akka ta'e ragaa ba'uudhaan. Isiidhaan gara islaamummatti seenan waan ta'eef, yoo isaan sanaaf ajajaman salaata dhaabuutti isaan ajaja; waan isiin booda tawhiidaatii irra guddaa dirqamootaa taateef jecha. Yoo isii kan gadi dhaaban ta'e, dureessotni isaanii zakaa qabeenya isaanii hiyyeessota isaaniitiif akka kennan isaan ajaja, eegasii qabeenya isaanii caalaa fudhachuu irraa isa akeekkachiisan; dirqamni giddu galeessa waan ta'eefi. Eegasii miidhuu irraa akka fagaatu isaaf dhaaman; miidhamaan isa irratti akka hin kadhanneef jecha, kadhaan isaa qeebalamaa waan ta'eefi.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hiikkaan shahaadaa "An Laa ilaaha illallaah'' jechuudhaa, gabbartiidhaan Rabbiin adda baasuudha, gabbartii waan Isa malee jiru dhiisuudha.
  2. Hiikkaan shahaadaa "Anna Muhammadan Rasuulullaah''jechuudhaa: isaanii fi waan isaan isaan dhufaniinitti amanuudha, akkasumas isaan dhugeessanii, akka isaan dhuma ergamtoota Rabbii kan gara ilma namatti ergamanii ta'an fudhachuudha.
  3. Beekaa fi nama waa wal itti fakkaate haasofsiisuun akka wallaalaa haasofsiisuutii miti; kanaf Mu'aaziin "ati ummata kitaaba kennamanitti dhufta" jedhanii yaadachiisan.
  4. Barbaachisummaa muslimni amantaa isaa irratti hubannoo qabaachuun qabu, wal fakkaannaa fakkeessitootaa irraa akka qulqullaa'uuf jecha, sunis beekumsa barbaaduuni.
  5. Booda Rasuulli ergamaniitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dogongora ta'uu amantaa yahuudaa fi nasaaraa, isaan hanga amantaa islaamummaatti seenanii nabiyyitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-amananutti guyyaa qiyaamaa worra bilisa ba'an irraayii miti.