+ -

عَنْ ابْنِ عَبَّاسٍ رضي الله عنهما قَالَ:
قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ غَدَاةَ الْعَقَبَةِ وَهُوَ عَلَى نَاقَتِهِ: «الْقُطْ لِي حَصًى» فَلَقَطْتُ لَهُ سَبْعَ حَصَيَاتٍ، هُنَّ حَصَى الْخَذْفِ، فَجَعَلَ يَنْفُضُهُنَّ فِي كَفِّهِ وَيَقُولُ: «أَمْثَالَ هَؤُلَاءِ فَارْمُوا» ثُمَّ قَالَ: «أَيُّهَا النَّاسُ، إِيَّاكُمْ وَالْغُلُوَّ فِي الدِّينِ، فَإِنَّما أَهْلَكَ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ الْغُلُوُّ فِي الدِّينِ».

[صحيح] - [رواه ابن ماجه والنسائي وأحمد] - [سنن ابن ماجه: 3029]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaalatu- akkas jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganama guyyaa Aqabaa haala gaala isaanii irratti ta'aniin akkana jedhan: "Dhagaa xixiqqaa akka cirrachaa naaf guuri" dhagaa torba xixiqqan isaanif guure, isaanis dhagaa xixiqqaa akka dhagaa quba lameenin darbataniiti, eegasii isaan(Rasuulli) dhagaalee sana harka isaanii keessatti raasaa akkana jedhan: "fakkaattota isaan kanaatiin darbadhaa", eegasii ni jedhan: "Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warri isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha".

[sirrii] - [ibnu maajah, nasa'iifii ahmad odeessan] - [sunana ibnu maajah - 3029]

Ibsaa

Ibnu Abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- hajjii dhaammannaa keessatti guyyaa qalmaa ganama yeroo Jamraa al-aqabaa darbatan Nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka ture hima, Dhagaa xixiqqaa boolla itti darbatan ofii isaanitiif guurutti isa ajajan, innis dhagaa xixiqqaa torba isaanif guure, tokkon isii irraa ta'e hanga firii shunburaati, Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isii harka ofii keessa kaa'aniiti isii sochoosanii akka jedhan: Fakkaataa isiitiin darbadhaa, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota amantii keessatti daangaa darbuu irraa akeekkacchiisanii, amantii keessatti daangaa darbuun ummatoota amma dura darban akka balleesse himan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Amantii keessatti daangaa darbuu irraa dhoorguu, booddeen isaa akka hamtuu taate fi inni sababaa halaakaa akka ta'e ibsuudha.
  2. Dogoggoroota isaan raawwatan irraa fagaachuuf jecha ummatoota irraa warra dabraniin gorfamuun akka barbaachiisaa ta'eedha.
  3. Sunnaa hordofuu irratti kakaasuudha.