+ -

عن جابر رضي الله عنه:
أَنَّ رَجُلًا سَأَلَ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: أَرَأَيْتَ إِذَا صَلَّيْتُ الصَّلَوَاتِ الْمَكْتُوبَاتِ، وَصُمْتُ رَمَضَانَ، وَأَحْلَلْتُ الْحَلَالَ، وَحَرَّمْتُ الْحَرَامَ، وَلَمْ أَزِدْ عَلَى ذَلِكَ شَيْئًا، أَأَدْخُلُ الْجَنَّةَ؟ قَالَ: «نَعَمْ»، قَالَ: وَاللهِ لَا أَزِيدُ عَلَى ذَلِكَ شَيْئًا.

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 15]
المزيــد ...

Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-
Namtichi wohii Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun gaafate: mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee, sana irratti homaa dabaluu dhabe, jannata nan seenaa? Ergamaanis: "eeyyeen" jedhan, namtichis: Wollaahii sana irratti homaa hin dabalu jedhe.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 15]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni salaatowwan dirqamaa salaatee sunnaawwan irraa homaa isiitti hin daballe, ramadaana dirqamaas soomee sunnaa kan hin soomne, halaalummaa waan halaala ta'eettis amanee isa yoo hojjate, akkasumas haraamummaa waan haraama ta'eettis amanee isa irraa yoo fagaate, inni dhugumatti jannata akka seenu ibsani.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Wantoota dirqama ta'an hojjachuu fi wantoota haraama ta'an dhiisuu irratti, akkasumas xumurri isaa jannata seenuu t'uu irratti bolola muslimni qabuudha.
  2. Barbaachisummaa halaala hojjachuu fi halaalummaa isiitti amanuun qabuudha, akkasumas barbaachisummaa waan haraama ta'e harramsuu fi haraamummaa isaatti amanuun qabuudha.
  3. Wontoota dirqama ta'an hojjachuu fi wantoota haraama ta'an dhiisuun jannata seenuuf sababaadha.