+ -

عَنْ أَسْمَاءَ بِنْتِ أَبِي بَكْرٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا، قَالَتْ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِنِّي عَلَى الحَوْضِ حَتَّى أَنْظُرَ مَنْ يَرِدُ عَلَيَّ مِنْكُمْ، وَسَيُؤْخَذُ نَاسٌ دُونِي، فَأَقُولُ: يَا رَبِّ مِنِّي وَمِنْ أُمَّتِي، فَيُقَالُ: هَلْ شَعَرْتَ مَا عَمِلُوا بَعْدَكَ، وَاللَّهِ مَا بَرِحُوا يَرْجِعُونَ عَلَى أَعْقَابِهِمْ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6593]
المزيــد ...

Asmaa'a intala Abuu bakri irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jette: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati, eegasii ni jedhamaan: waan isaan booda keetii hojjatan ni beektaa?, Rabbiinan kakadha (amantaa) isaanii irraa deebi'uu irraa boodatti hin jenne".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6593]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii irraa nama gara isaanitti dhufu ilaaluuf jecha guyyaa qiyaamaa hawdii isaanii irra akka taa'an ibsani, Namoonni gariin bakka isaanitti dhihoo irraa qabamani jennaan -Rahmanii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ni jedhu: yaa Rabbi isaan na irraati ummata koo irraati, Ni jedhamaan: waan isaan booda siin gar gar bahanii hojjatan ni beektaa, Rabbiinan kakadhe isaan of booda deebi'uu fi amantaa isaanii irraa garagaluu hin dhiifne, kanaafuu isaan sirraa miti, akkasumas isaan ummata kee irraas miti.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rahmata nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanitiif qabanii fi bolola isaan isaan irratti qabaniidha.
  2. Hammeenya waan nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra turan faallessuun qabuudha.
  3. Karaa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabachuutti kakaasuudha.