1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha

عَنْ أَبِي ذَرٍّ رضي الله عنه قَالَ:
قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ مَا آنِيَةُ الْحَوْضِ؟ قَالَ: «وَالَّذِي نَفْسُ مُحَمَّدٍ بِيَدِهِ لَآنِيَتُهُ أَكْثَرُ مِنْ عَدَدِ نُجُومِ السَّمَاءِ وَكَوَاكِبِهَا، أَلَا فِي اللَّيْلَةِ الْمُظْلِمَةِ الْمُصْحِيَةِ، آنِيَةُ الْجَنَّةِ مَنْ شَرِبَ مِنْهَا لَمْ يَظْمَأْ آخِرَ مَا عَلَيْهِ، يَشْخَبُ فِيهِ مِيزَابَانِ مِنَ الْجَنَّةِ، مَنْ شَرِبَ مِنْهُ لَمْ يَظْمَأْ، عَرْضُهُ مِثْلُ طُولِهِ، مَا بَيْنَ عَمَّانَ إِلَى أَيْلَةَ، مَاؤُهُ أَشَدُّ بَيَاضًا مِنَ اللَّبَنِ، وَأَحْلَى مِنَ الْعَسَلِ».

Abuu Zarri irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nan jedhe: yaa ergamaa Rabbii ! meeshaan ittiin hawdii dhugan maal inni? ni jedhani: "Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha, dhaga'aa urjiiwwan halkan dukkana duumessa irraa qulqulluu ta'e keessatti mul'atu irra hedduudha, meeshaa jannataa namni isii keessaa dhuge dheebuu jalqaba isa irra tureen ala hin dheebotu, jannata irraa ashandaa lamaatu isa(hawdii) keessatti yaa'a, namni isa irraa dhuge tasuma hin dheebotu, bal'inni isaa akkuma dheerina isaati, hanga gidduu ammaanii(magaalaa biyya shaam keessatti argamtu) fi aylaati(magaalaa xarafa shaam irratti argamtu), bishaan isaa aannan irra akkaan adiidha, damma irra akkaan mi'aawaadha".

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2300

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irra haa buusu- guyyaa qiyaamaa meeshaan hawdii isaanii ittiin dhugan lakkoofsa urjiiwwan samii irra hedduu akka ta'e kakatan, Sun halkan dukkana isa jiini keessa hin jirre keessatti mul'ata; sababni isaas halkan ji'a qabdu keessatti urjiwwan ifa ji'aatiin haguugamti waan hin ta'eef ifa hin taatu, akkasumas halkan isa keessa duumessi hin jirre keessatti, sababni isaas duumessi mul'achuun urjiiwwan arguu irraa waan dhoorguuf jecha, Meeshaan ittiin dhugan kan jannata irraa ta'e, namni dhugaatii isa keessa jiru irraa dhuge tasuma hin dheebotu, dheebuun inni sana dhuguun duratti ture sun dheebuu irraa dhuma waan isa mudatuuti ta'a, Hawdii isaanii keessatti ashandaa lamaatu jannata irraa itti yaa'a, bal'inni isaa akkuma dheerina isaati; Hawdichi roga hundaanuu wal qixa, dheerinni isaa hanga fageenya gidduu ammaanii(magaalaa shaam kan balqaa'a keessatti argamtuudha) fi aylaa(magaalaa beekamtuu xarafa shaam irratti argamtuudha) gidduu jiruuti, Bishaan hawdichaa aannan irra adiidha, mi'aan isaa immoo mi'aa dammaati caalaa.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Hawdii fi gosoota qananii irraa waan isa keessa jiru jiraachuu isaa raggaasisuutu keessa jira.
  2. Guddina hawdichaa, dheerina isaa, bal'ina isaatii fi heddummina meeshaa isaa kan ittiin dhuganiiti.

Hiikkaawwan dhiheessuu

68 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
FF Fulfulde الفولانية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
EL Ελληνικά اليونانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
LN Lingala اللينجالا
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو