+ -

عَنْ عُبَادَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ شَهِدَ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، وَأَنَّ عِيسَى عَبْدُ اللهِ وَرَسُولُهُ وَكَلِمَتُهُ أَلْقَاهَا إِلَى مَرْيَمَ وَرُوحٌ مِنْهُ، وَالْجَنَّةُ حَقٌّ، وَالنَّارُ حَقٌّ، أَدْخَلَهُ اللهُ الْجَنَّةَ عَلَى مَا كَانَ مِنَ الْعَمَلِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3435]
المزيــد ...

Ubadaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
"Rabbiin tokkicha hiriyaa hin qabnee, Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaatii, Iisaanis garbicha Rabbiitii fi Ergamaa Isaatii, inni ammas dubbiiti kan Rabbiin gara Maryamitti darbee fi inni hafuura Isa irraa ta'ee, Jannanni dhugaadhaa, ibiddiis dhugaadhaa namni ragaa bahe Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3435]

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhugumatti jecha tawhiidaa hiika isii beekee akeeka isitti hojjataa haala ta'een dubbate, Nabiyyii Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta’uu isaanii namni ragaa bahe, akkasumas Iissaan gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta'uu isaa, Akkasumas Rabbiin jecha Isaa "kun" jechuun akka isa uumee inni argame, ammas inni hafuurota Rabbiin isaan uume keessaa hafuura tokko akka ta'e namni amane, Akkasumas waan yahudoonni ishee irratti himan irraa haadha isaa bilisa kan baase. Akkasumas jiraachuu isaan lameenitii fi isaan lameen qananii Rabbiitii fi adabbii Isaa ta'utti amanaa haala ta'een namni Jannanni haqa, Ibiddi haqa, jedhee ragaa bahe, Sana irrattis du'e; osoo ibaadaa keessatti hanqina qabaatee badillee qabaatee deebiin isaa akka gara jannataa ta'e nuuf himan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbiin jecha Isaa "Ta'i" jedhuun abbaa malee akka Iisaa ilma maryam uumeedha.
  2. Iisaa fi Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabroota Rabbiitii fi ergamtoota ta'uu isaan lameenii bakka tokkotti dubbachuudha, kanaafuu isaan lameen ergamtootaa hin soban, ammas isaan lameen gabrootaa hin gabbaramaniidha.
  3. Sadarkaa Rabbiin Tokkichoomsuun qabuu fi inni badiiwwan akka haquudha, akkasumas hireen Nama Rabbiin tokkichoomsuu badiin tokko tokko osoma irraa argamelle jannata ta'uudha.