+ -

عَنْ سُفْيان بنِ عَبْدِ اللهِ الثَّقَفِيّ رضي الله عنه قال:
قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ، قُلْ لِي فِي الْإِسْلَامِ قَوْلًا لَا أَسْأَلُ عَنْهُ أَحَدًا غَيْرَكَ، قَالَ: «قُلْ: آمَنْتُ بِاللهِ، ثُمَّ اسْتَقِمْ».

[صحيح] - [رواه مسلم وأحمد] - [مسند أحمد: 15416]
المزيــد ...

Sufyaan bin Abdullaah Al-Thaqafii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Nin jedhee: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".

[sirrii] - [muslimfi ahmad odeessan] - [Musnada Ahmad - 15416]

Ibsaa

Sahaabaan Sufyaan bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- jecha hiikkaa Islaamummaa hunda of keessaatti hammate kan isa qabatee nama isaan hin tahin hin gaafanne akka isa barsiisan Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniini: jedhi: Rabbiin tokkochoomse, Inni gooftaa kiyya, uumaa kiyyaa fi haqaan gabbaramaa kiyya kan hiriyaa hin qabne ta'uu itti amane, Sana booda dirqama Rabbii raawwachuu fi dhoorgoowwan Rabbii dhiisuudhaan ajajaa Rabbii jala butamee achumaan itti fufa.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Bu'urri amantii gooftummaa Rabbii, gabbartii Isaa, maqoolee Isaatii fi sifoowwan Isatti amanuudha.
  2. Booda iimaanatii barbaachisummaa ragga'uu, ibaadaa itti fufuutii fi sana irratti gadi dhaabbachuuti.
  3. Amantiin qeebaltii dalagaatiif ulaagaadha.
  4. Rabbitti amanuun bu'uraalee amantii, hundeelee isaatii fi hojiilee qalbii irraa waan sana jala galu waan itti amanuun dirqama t'e hunda hammata, akkasumas keessoo fi alaanis Rabbiif bitamuu fi masakamuudha ni hammata.
  5. Istiqaamaa jechuun dirqamoota raawwachuu fi dhoorgaalee dhiisuun karaa qabachuudha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani