+ -

عَنِ ابْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، قَالَ:
«مَثَلُ الْمُنَافِقِ، كَمَثَلِ الشَّاةِ الْعَائِرَةِ بَيْنَ الْغَنَمَيْنِ تَعِيرُ إِلَى هَذِهِ مَرَّةً وَإِلَى هَذِهِ مَرَّةً».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2784]
المزيــد ...

Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Fakkiin munaafiqaa, akka re'ee gidduu tuuta re'ootaa lamaa deemtuuti, yeroo tokko gara isii kanaatti yeroo kaan immoo gara isii sanaatii deemti".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2784]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haalli munaafiqaa akka re'ee tuuta re'ootaa lamaa gidduu deddeemtu gara tuuta kamii akka gortu kan hin beeknee ta'uu ibsani. Yeroo tokko gara tuuta isa kanaatti yeroo tokko immoo gara tuuta isa biraatti deemti, Isaan iimaanaa fi kufrii gidduutti dhama'oodha, keessaa fi alaan mu'uminootaa waliinii miti, akkasumas keessaa fi alaan kaafirootaa waliinii miti, inumaa isaan alaan mu'uminoota waliini, keessi isaanii immoo shakkii fi mamii keessa jira, yeroo garii gara worra kanaatti gorani, yeroo garii immoo gara worra sanaatti gorani.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Deemsa Nabiyyii irraa -Rabbiiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yaada barbaadame dhiheessuuf jecha fakkeenyaa fudhachuudha.
  2. Haala munaafiqootaa irraa shakkii, mamii fi ragga'iinsa dhabuu ibsuutu keessa jira.
  3. Haala munaafiqootaa irraa sodaachisuu fi dhugaa fi iimaana keessatti alaa fi keessaan murannoo qabaachuutti kakaasuudha.