+ -

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرٍو رضي الله عنهما قال: قال رَسولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«أَرْبَعٌ مَنْ كُنَّ فِيهِ كَانَ مُنَافِقًا خَالِصًا، وَمَنْ كَانَتْ فِيهِ خَلَّةٌ مِنْهُنَّ كَانَتْ فِيهِ خَلَّةٌ مِنْ نِفَاقٍ حَتَّى يَدَعَهَا: إِذَا حَدَّثَ كَذَبَ، وَإِذَا عَاهَدَ غَدَرَ، وَإِذَا وَعَدَ أَخْلَفَ، وَإِذَا خَاصَمَ فَجَرَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 58]
المزيــد ...

Abdullaah ibnu Amrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa qulqulluu ta'e, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: yeroo dubbatetti ni kijiba,yeroo irbuu seenetti ni gana, yeroo beellametti ni diiga, yeroo falmetti daangaa darba».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 58]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gosota afur muslima keessatti gosti afur yeroo wolitti qabamanitti sababaa gosoota afran kanaatiin haalaan munaafiqootatti kan fakkaatu ta'a, kun nama gosootni afran kun isa keessatti irra hedduu ta'eefi, namni darbee darbee isa keessatti argamu kana keessa hin seenu, isiinis:
inni jalqabaa: yeroo dubbatutti beekaa soba, dubbii isaa kessatti dhugummaa hin qabu.
inni lammaffaan: irbuu yeroo seenetti isa hin guutu, nama irbuu seeneef immo ni gana.
inni sadaffaan: beellama yeroo seenetti isa hin guutu, isa diiga.
iinni afraffaa: yeroo namaan wol falmee fi wol loletti falmiin isaa jabaadha, haqa irraa jal'ata, deebii isaa fi ragaa isaa keessatti mala hojjata, akkasuma dharaa fi kijibas dubbata.
munaafiqummaan waan garaatti yaaduun alatti kan biraa mul'ifachuudha, hiikkaan kun nama haala kana qabu keessa jira, munaafiqummaan isaa haqa nama isaan dubbatee, haqa nama waadaa isaaf seenee, haqa nama isa amanee, haqa nama isa falmee fi haqa nama beellama seeneefii keessatti ta'a, malee islaamummaa keessatti munaafiqa islaamummaa mul'ifatee kufrii dhokfota jechuu miti, namni gosoota kanneen keessaa tokko isa keessatti argame; hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'eera.

bu.aa hadiisa irraa

  1. garii mallattoolee munaafiqootaa ibsuutu keessa jira, isa keessa akka hin buuneef isa irraa sodaachisuuf jecha.
  2. hadiisa kanaan kan itti fedhame: gosootni kun gosoota munaafiqummaati, namni isii qabu gosoota kanaan munaafiqootaan wolitti fakkaateera, haala isaaniitti fakkaateera, malee inni munaafiqa islaamummaa mul'isee kufrii dhoksu ta'uu miti, kun nama haalli kun isa injifatee isii keessatti dantaa dhabee, waan isii akka laafaatti ilaaleef ta'as jedhameera; namni akkas ta'e yeroo hedduu amantaan isaas badaa ta'a.
  3. Aalimni islaamaa Gazaaliin akkas jedhe: hundeen amantaa waa sadi keessatti wolitti qabama: jecha, hojii fi niyyaadha, kijibaan akka jechi badu, gantummaan akka hojiin badu, diiguun akka niyyaan badu itti akeeke; beellama diiguun yeruma beellama seenu murannoon isaa woliin yoo ta'e malee waa hin miidhu, murannoo kan qabaatu ta'ee ka'ee eegasii wontii isa dhoorgu akka tasaa isaaf argame yookaan yaadni biraa isatti mul'ate immoo inni kun gosti munaafiqummaa isaaf hin argamne.
  4. munaafiqummaan gosa lama: munaafiqummaa amantaa kan abbaa isaa iimaana irraa baasu, inni islaamumma mul'isanii kufrii dhoksuudha, inni lammaffaan: munaafiqummaa hojiiti, inni haala isaanii keessatti munaafiqootatti fakkaachuudha, inni kun abbaa isaa iimaana irraa hin baasu, garuu inni immoo badiiwwan gurguuddoo irraati.
  5. Aalimni islaamaa Ibnu Hajara akkas jedhe: namni qalbii isaatii fi arraba isaatiin dhugeessaa ta'ee ka'ee gosoota kana hojjate kufriin isa irratti akka hin murtoofne ulamaa'iin irratti woliif galaniiru, akkasuma inni munaafiqa ibidda keessa abad taa'us miti.
  6. Aalimi islaamaa imaam Nawawiin akkas jedhe: tuutni ulaamaa'ii irraa ta'e wohii akkas jedhani: hadiisa kanaan kan itti fedhame munaafiqoota yeroo nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- iimaana himatanii ka'anii isa sobsiisani, amantaa isaanii irratti amanamanii ka'anii ganani, dhimma amantaa fi isaaf tumsuu irratti beellama seenanii ka'anii diigani, namoota falmaniin keessatti daangaa darbani.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani