عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مِنْ حُسْنِ إِسْلَامِ المَرْءِ تَرْكُهُ مَا لَا يَعْنِيهِ».
[قال النووي: حديث حسن] - [رواه الترمذي وغيره] - [الأربعون النووية: 12]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ni jedhan:
«Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati».
[قال النووي: حديث حسن] - [رواه الترمذي وغيره] - [الأربعون النووية - 12]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guutina bareeduma isalaamummaa fi iimaana muslima tokkoo irraa: gochoowwanii fi jechoowwan isa hin ilaallanne, kan isa hin galchine, kan isa hin yaachifne, kan isa hin fayyadne, yookaan immoo dhimma diinii fi duuniyaa keessatti waan isa hin ilaallanne irraa fagaachuu akka ta;e ibsan, ilmi namaa waan isa hin ilaallanneen yoo dhiphate, waan isa ilaallatu irraa isa dhiphisuutu mala, yookaan immoo gara waan silaa isa irraa fagaachuu qabuutti isa geessa, ilmi namaa guyyaa qiyaamaa hojii isaa irraa gaafatamaadha.