+ -

عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ مُغَفَّلٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم:
«بَيْنَ كُلِّ أَذَانَيْنِ صَلَاةٌ، بَيْنَ كُلِّ أَذَانَيْنِ صَلَاةٌ» ثُمَّ قَالَ فِي الثَّالِثَةِ: «لِمَنْ شَاءَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 627]
المزيــد ...

Abdullaah ibnu Mughaffal irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: nabiyyiin -Rabbbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Gidduu azaana lameen hundatti salaatatu jira, gidduu azaana lameen hundatti salaatatu jira» eegasii sadaffaa irratti akkas jedhani: «nama fedheef».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 627]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hunda azaanaa fi iqaamaa gidduutti salaanni sunnaa akka jiru ibsani, sana yeroo sadi irra deebi'ani, sadaffaa irratti sun nama salaatuu fedheef jaallatamaa akka ta'e himani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Azaanaa fi iqaamaa gidduutti salaatuun jaallatamaa ta'uu isaa.
  2. Jecha irra deddeebi'uu keessatti karaa nabiyyii agarsiisa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sun immoo dhageessisuu fi barbaachisummaa waan dubbatanuu gadi jabeessuuf jecha.
  3. Azaana lameen jechuun kan itti fedhame: azaanaa fi iqaamaadha, azaana lama jedhee kan waameef tokko irra caalchisuuni, (aduu fi ji'aan) ji'a lameen akka jedhamutti, akkasuma (Abuu bakirii fi Umariin) Umar lameen akkaa jedhamutti.
  4. Azaanni yeroon salaataa seenuu beeksisuudha, iqaamaan immoo hojiin salaataa ga'uu beeksisuudha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani