عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ رضي الله عنهما أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ قَالَ حِينَ يَسْمَعُ النِّدَاءَ: اللَّهُمَّ رَبَّ هَذِهِ الدَّعْوَةِ التَّامَّةِ، وَالصَّلاَةِ القَائِمَةِ، آتِ مُحَمَّدًا الوَسِيلَةَ وَالفَضِيلَةَ، وَابْعَثْهُ مَقَامًا مَحْمُودًا الَّذِي وَعَدْتَهُ، حَلَّتْ لَهُ شَفَاعَتِي يَوْمَ القِيَامَةِ».
[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 614]
المزيــد ...
Jaabir bin Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Namni yeroo azaana dhagahu akkas jedhe: "Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha guutuu fi salaata yeroo hunda raawwatamu kanaa, Muhammadiif eddoo guddaa fi sadarkaa kenniif, gara eddoo faarfamaa isa ati waadaa galteettis isa ol kaasi" shafaa'aan koo guyyaa qiyaamaa isaaf raggaate».
[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 614]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni erga azaanni xumuramee booda akkas jedhe akka shafa'aan isaaf raggaatu ibsan:
(Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha kanaa), isheenis jechoota waamicha azaanaa kan gabrootni Rabbii gara salaataa ittiin waamamuu dha, (Guutuu kan ta'e) hir'ina kan hin qabne, waamicha gama tokkichummaa Rabbii fi ergaa isaa, (Rabbii saalata dhaabbataa ta'ee) kan yeroo hundaa dhaabbattu, (Kenni) laadhu, (Muhammadiif wasiilaa kenni) sadarkaa ol’aanaa Jannata keessatti isa qofaaf malu, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, (Fadiilaas kenniif) Sadarkaa sadarkaalee uumamtoota hundaa caalu kenniif, (Eddoo kabajamaas kenniif) Kan namni isa keessa dhaabbatu galateeffamu , kunis Guyyaa Qiyaamaa shafa’aa/manguddummaa guddaadha, (kan ati isaaf waadaa galte) akkas jechuu keetin: {Gooftaan kee eddoo faarfamaa ta'e si dhaabuun mirkanaa'aadha} Nabiyyiif ta'uun, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu.
Namni du'aa'ii kanaan kadhate guyyaa qiyaamaa shafa’aa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni argata.