+ -

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيَّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ -وَكَانَ غَزَا مَعَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ ثِنْتَيْ عَشْرَةَ غَزْوَةً- قَالَ: سَمِعْتُ أَرْبَعًا مِنَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَأَعْجَبْنَنِي، قَالَ:
«لاَ تُسَافِرِ المَرْأَةُ مَسِيرَةَ يَوْمَيْنِ إِلَّا وَمَعَهَا زَوْجُهَا أَوْ ذُو مَحْرَمٍ، وَلاَ صَوْمَ فِي يَوْمَيْنِ: الفِطْرِ وَالأَضْحَى، وَلاَ صَلاَةَ بَعْدَ الصُّبْحِ حَتَّى تَطْلُعَ الشَّمْسُ، وَلاَ بَعْدَ العَصْرِ حَتَّى تَغْرُبَ، وَلاَ تُشَدُّ الرِّحَالُ إِلَّا إِلَى ثَلاَثَةِ مَسَاجِدَ: مَسْجِدِ الحَرَامِ، وَمَسْجِدِ الأَقْصَى، وَمَسْجِدِي هَذَا».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1995]
المزيــد ...

Abu Sa’iid Al-Khudrii irraa oddeffame Rabbiin irraa haa jaalatu - Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- waliin lola kudha lama lolee ture, - akkana jedhe: Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa afur dhaga’eera, nattis tole, isaanis akkas jedhan:
“Dubartiin takka abbaan manaa isii ykn mahramiin/firri dhihoo isii wajjiin yoo jiraate malee fageenya guyyaa lamaa hin imaltu, Guyyaa lama soomuun hin hayyamamu, isaanis: Ayyaana Al-Fixrii fi Al-Adhaati, Salaata fajrii booda hanga aduun baatutti salaanni hin jiruu fi salaata asrii boodas hanga aduun dhiitutti salaanni hin jiru, Gara masjiida sadii: Masjiida haramaa, Masjiida Al-Aqsaa Fi masjiida koo kana malee ibaadaaf imala deemuun hin ta'u”.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1995]

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, wantoota afur irraa dhoogani:
Inni tokkoffaa: dubartii takka fageenya guyyaa lamaa imaluu irraa dhoorguudha, abbaan manaa ishee ykn fira dhihoo ishee keessaa namni tokko isheen wajjiin yoo jiraate malee. fira dhihoo jechuun nama abaditti ishee fuudhuu hin dandeenyeedha, sunis akka ilma ishee, abbaa ishee, ilma obboleessa, ilma obboleettii, adeeraa, eessumaa fi kan kana fakkaatani.
Lammaffaan: Sooma qodhaa haa ta'uu, ykn sooma sunnaa, ykn sooma kaffaaraa haa ta'uu sooma kamuu Guyyaa Iid al-Fixrii fi guyyaa Iid al-Adhaa dhoorguudha.
Sadaffaan: Salaata asrii booda hanga aduun lixxutti, salaata fajrii booda hanga aduun baatutti salaata sunnaa salaatuu irraa dhorguudha.
Afraffaan: Gara bakka kamittuu imaluu, bakki sun sadarkaa qabaa fi kheyriin achitti hojjatamu dachaadha ta'a jedhanii yaaduu irraa dhoorguudha, yoo masjiidota sadan kana ta'e malee, masjiidota sadan kana malee bakka biraatti salaatuuf jecha imaluun hin danda'amu, mindaanis kan dachaa ta'u masjiidota sadan kana keessatti qofa, Masjiida haramaa, Masjiida Nabiyyii fi Masjiida Al-Aqsaati.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dubartiin mahrama/fira dhihoo wajjiin malee imaluu hin dandeessuudha.
  2. Dubartiin yeroo imala deeman dubartii biraatif mahrama tahuu hin dandeessu; Sababni isaas: hadiisa keessatti: “Abbaa manaa ishee ykn mahrama” waan jedheef jecha.
  3. Dubartiin abbaa manaa ykn mahrama malee waan imala jedhamu hunda irraa ni dhoorgamti, hadiisni kun akka haala nama gaafataa fi bakka jireenyaa isaatin ilaalama.
  4. Mahrama dubartii jechuun abbaa manaa isheeti ykn nama sababa firummaa akka abbaa ishee, ilma ishee, adeeraa fi eessumaa, ykn sababa harma hoosisuu akka abbaa fi abbeera hoosisaa irraa ta'ee, ykn sababa soddummaa akka abbaa abbaa manaa ta'uu irraa kan ka'een abaditti ishee fuudhuun irratti haraama ta'eedha, Innis Muslima ga’eessa, beekaa, amanamaa ta'uudha qaba, Kaayyoon mahraama dubartii tiksuu, kunuunsuu fi dhimma isiitin dhaabbachuu waan ta'eefi dha.
  5. Amantiin Islaamaa dubartootaaf ni yaada, ishees ni eega, akkasumas ishee ni tiksaadha.
  6. Salaata Fajrii fi Asrii booda salaata sunnaa salaatun fayyaa ta'uu hin danda'uudha.
  7. Salaata waajibaa kan darbe raawwachuun, salaatowwan sababa qaban kan akka tahiyyaa masjidaa fi kan kana fakkaatan salaatuu sana jala hin galu.
  8. Aduun akkuma baateen salaata salaatuun haraama ta'a, inumaayyuu hanga isheen tilmaama eeboo ol fuudhamtuu eeguun dirqama, sun tilmaamaan daqiiqaa kudhanii hanga kudha shanii ni ta'a.
  9. Yeroon asri hanga aduun lixxutti dheerata.
  10. Gara masjiidota sadanitti imaluun ni hayyamamaadha.
  11. Sadarkaa fi kabajaa masjiidonni sadan waan biraa irra qabaniidha.
  12. Qabrii ziyaaruuf jecha imaluun hin hayyamamu, qabrii Nabiyyii osoo ta'ellee, nagaa fi rahamnni irra haa jiraatu, nama Madiinaa keessa jiruuf, ykn karaa shari'aan islaamaa seera qabeessa godheen nama madiinaa dhufeef qabricha ziyaaruun ni danda'ama.