+ -

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِنَّ الدُّنْيَا حُلْوَةٌ خَضِرَةٌ، وَإِنَّ اللهَ مُسْتَخْلِفُكُمْ فِيهَا، فَيَنْظُرُ كَيْفَ تَعْمَلُونَ، فَاتَّقُوا الدُّنْيَا وَاتَّقُوا النِّسَاءَ، فَإِنَّ أَوَّلَ فِتْنَةِ بَنِي إِسْرَائِيلَ كَانَتْ فِي النِّسَاءِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2742]
المزيــد ...

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
Dhugumatti, duniyaan tun mi’ooftuu magariisa, Rabbiin isii keessatti warra isin duratti dabran irraa bakka isin buuse, akkamitti akka hojjattan ilaala, Kanaafuu duniyaa eeggadhaa dubartootas eegadhaa, jalqabni qorumsa ilmaan israa'eel dubartoota keessatti argame".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2742]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- addunyaan yeroo dhandhaman mi’ooftuu akka taate fi yeroo ijaan ilaalan magariisa akka taate ibsan, kanaafuu namni isiin gowwoomfamee, isii keessa achi kutee isii irra guddaa yaaddoo isaa taasifata. Akkasumas Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- addunyaa tana keessatti garii keenya garii irraa bakka buuse, nuti maal akka hojjannu, Isaaf ajajamna moo Isa khallafnaa? nu ilaaluuf jecha. Eegasii akkana jedhan: Duniyaa fi bareedinni isii isin gowwoomsee, waan Rabbiin itti isin ajaje dhiisuu fi waan Rabbiin irraa isin dhoorge keessa bu'uu irratti akka isin hin kaafne of eeggannoo godhaa. Qorumsa addunyaa keessaa irra guddaan waan irraa of eeggannoo gochuun dirqamaa keessaa qorumsa dubartootati, innis qorumsa jalqabaa kan ilmaan israa'eel keessatti argamanii akka ta'e ibsaniiru.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sodaa Rabbii qabaachuu fi addunyaa fi bareedummina isiitiin gowwooffamuu dhabuu irratti kakaasuudha.
  2. Ijaan dubartoota ajnabii ta'an ilaaluun yookaan isaan dhiirota ajnabii ta'anitti makamuu keessatti dandataa dhabuun, yookaan waan sana fakkatuun dubartootaan qoramuu irraa of eeggachuudha.
  3. Addunyaa keessatti fitnaan dubartootaa irra guddaa fitnoowwanii keessaa isa tokkoodha.
  4. ummatoota darban irraa barachuu fi gorsa fudhachuudha, wanni ilmaan israa'eel keessatti argame namoota biroo keessattis argamu danda'a
  5. Fitnaan dubartii, yoo haadha manaa taate namichi baasii danda’u caalaa baasutti isa dirqisiifti, sababaa saniitin dhimmoota amantii dhiisee guutumaa guututti duniyaa barbaadutti akka garagalu isa taasifti, dubartiin yoo ajnabii taate immoo gochuu, dhimma amantii irraa yaada akka garagalchu taasifti, yeroo guutuu isaa barbaacha dunyaa irratti akka dabarsu taasifti. Yoo orma taate immoo fitnaan isii yeroo manaa baatee isaanitti dhiirotatti makamte isaan gowwoomsuu fi haqa irraa isaan jallisuudh, keessattuu yeroo babareeffatanii haguuggii malee baate, inni kun sadarkaa isaatiin sagaggaalummatti kufutti nama geessuu isaatu mala, kanaafuu nama Rabbitti amaneef Rabbiin qabatee fitnaa dubartootaa irraa nagaa ta'uuf Isa kajeeluutu barbaachisa.