+ -

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيِّ رضي الله عنه أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِنَّ مِنْ أَعْظَمِ الجِهَادِ كَلِمَةَ عَدْلٍ عِنْدَ سُلْطَانٍ جَائِرٍ».

[حسن لغيره] - [رواه أبو داود والترمذي وابن ماجه وأحمد] - [سنن الترمذي: 2174]
المزيــد ...

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani:
«Irra guddaan jihaadaa jecha haqaa mootii jallaa biratti dubbachuudha».

- [abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 2174]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti goosoota jihaada karaa Rabbii keessatti godhaman keessaa irra guddaa fi bu'a qabeessi jecha haqaa fi haqa qabeessa ta'e mootii yookaan amiira jallataa ta'e biratti dubbachuu akka ta'e ibsan; sababni isaas inni mallattoo toltuutti ajajuu fi badii irraa dhoorgutti hojjachuu waan ta'eef jecha, jechaanis haa ta'u yookaan barreeffamaanis haa ta'u yookaan hojiinis haa ta'u yookaan waan biraa kan bu'aan ittiin argamee badiin ittiin deebifamuunis yoo ta'es.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa daryaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Toltuutti ajajuu fi badii irraa dhoorguun jihaada irraa lakkaa'amaadha.
  2. Bulchaa gorsuun irra guddaa jihaadati, garuu immoo beekumsa, ogummaa fi adda baafachuun ta'uun dirqama.
  3. Khaxxaabiin akkas jedhe: wonti sun irra caalaa jihaadaa ta'eef; namni diinaan jihaada wolitti ba'e nan injifadha moo hin injifadhu jedhee kajeellaa fi sodaa gidduu ta'a, worri aangoo harka isaaniitti injifatamta, namtichii isa fuulduratti haqa dubbatee toltuuttii isa yoo ajaje dhugaan badiif of saaxileera, lubbuu isaa badiif kenneera, kanaaf sun irra caalaa gosoota jihaada ta'e waan sodaan injifatuuf jecha, akkasumas wonti inni irra caalaa jihaadaa ta'eef; mootichi jecha isaa kan fudhatu yoo ta'e faaydaan isaa nama hedduu wol ga'ee sanaan bu'aan argamuu waan maluufi jedhameera.